Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Malleen Cunqaa’aa Fayyadamuun Afaan Oromoo Barsiisuu: Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Nophaafi Biloo Qaaroo Irratti kan xiyyeeffate

Show simple item record

dc.contributor.author Tigisti Bafiqaaduutiin
dc.date.accessioned 2021-01-22T08:50:35Z
dc.date.available 2021-01-22T08:50:35Z
dc.date.issued 2019
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/5234
dc.description.abstract Qorannoon kun mataduree xiinxala malleen cunqaa’aatiin fayyadamuun Afaan Oromoo barsiisuu manneen barnootaa sad.2ffaa Nophaafi Biloo Qaarootti barsiisota Afaan Oromoo barsiisanu irratti taasifame. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas, barsiisonni Afaan Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Nophaafi Biloo Qaaroo hammam mala cunqaa’aatti fayyadamanii barsiisaa akka jiran xiinxaluudha.Yaadxinni qorannoon kun hordofe bifa-heddummaa (multimodality) dha. Qorannoon kun qorannoo qulqulleeffataa yemmuu ta’u, malleen iddatteessuu miti carraa keessaa iddatteessuun akkayyoo qorannoo kana galmaan gahuuf hojiirra oolaniiru. Iddattoon qorannoo kanaas, barsiisota Afaan Oromoo kutaa 9ffaafi 10ffaa barsiisan afuri. Meeshaaleen ragaan ittiin funaanaman daawwannaa dareefi af-gaaffii banaa barsiisotaati. Ragaan daawwannaafi af-gaaffiin walitti qabamanis jechaan xiinxalamani. Kanaaf, saxaxni qorannoon kun hordofes ibsaa akkamtaadha. Argannoon qorannoo kun akka agarsiisuutti, barsiisonni Afaan Oromoo mala kana gonkuma itti fayyadamaa akka hinjirre, malli kun tartiiba barannoo qabaatus barsiisoonnii kun hojiii irra akka hinoolchine, adeemsa baruufi barsiisuu keessatti gahee guddaan barsiisaadhaan kan qabamu ta’uu, mala kana hojii irra oolchuu keessatti wantoonni gufuu ta’anii mul’atan: wayitiin barnoota Afaan Oromootiif ramadameef bal’inni qabiyyee kan wal hinsimne ta’uu, barsiisonni waa’ee mala cunqaa’aa hubannoo gahaa kan hinqabne ta’uu, meeshaalee deeggarsa barnootaa qopheessanii itti fayyadamuu dhabuufi baay’inni barattootaa daree keessatti heddummachuu ta’uu qorannoo kanaan adda ba’eera. Argannoo kana irratti hundaa’uun yaadni furmaataa: barsiisonni barattootni waan barataniifi shaakalan akka filatan, akkasumas, dandeettiiwwan afaanii karaa itti guddifachuu danda’aan haalli miijachuufi, ramaddiin wayitii Afaan Oromoo sirrachuu, dareen barnootaa baay’ina barattootaa waliin walsimsiisuufi itti fayyadama mala cunqaa’aa irratti leenjiin hubannoo cimsuu qaama dhimmi ilaallattuun akka laatamuuf furmaata rakkoo kanaatiif qorannoon kun eereera en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Malleen Cunqaa’aa Fayyadamuun Afaan Oromoo Barsiisuu: Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Nophaafi Biloo Qaaroo Irratti kan xiyyeeffate en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account