Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala asoosama dheeraa rirrittaafi hiree Galgalaa ija qeeqa dubartummaatiin

Show simple item record

dc.contributor.author Qajeelaa Bayeessaa Gaarii
dc.contributor.author Taayyee Guddataafi
dc.contributor.author Alamituu Olii
dc.date.accessioned 2022-04-15T11:33:53Z
dc.date.available 2022-04-15T11:33:53Z
dc.date.issued 2021-01
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7138
dc.description.abstract Kitaabileen asoosamaa qorannoon kun irratti adeemsifaman lama yoo ta’an, isaanis Hiree Galgalaafi Rirriittaa yoo ta’an, mata duree qorannoo isaa immoo Qeeqa Dubaratummaa Asoosama Dheeraa Rirrittaafi Hiree Galgalaa kan jedhu, ka’umsi qorannichaas asoosama kanneen lamaan irratti kanaan dura qorannoon biroo ija yaaxina dubartummaatiin kan hinadeemsifamne ta’uu, kitaabilee lachuu namfakkii dubartii kanaan barreeffame kallattii yaaxina kanaatiin kan irratti hingaggeeffamne ta’uu, barrreessituun asoosama kanaa dubartii ta’uu irraa kan ka’e hangam rakkoowwaan gama siyaasaa, dingdeefi siyaasaatiin dubartoota irra gahu haala qabatamaa hawaasa keessa jiruun loogii tokko malee kaasuufi hariiroon dhiiroraafi dubartootaa illee asoosamoota kanneen keessatti maal akka fakkaatu xiinxaluun ibsuuf qorannoon kun akka irratti adeemsifamu ta’ee jira. Kaayyoon qorannichaas kallattii hawaas dinagdeen namfakkiin dubartootaa maal akka fakkaatan addaan baasuu, hariiroo dhiirotaafi dubartootaa ibsuufi akka bu’aa ogbarruutti dhiibbaa isaan gama namfakkii dubartummaatiin dubbistoota irraan gahan asoosamoota lachuu keessatti addeessu yoo ta’u, malli qorannichi ittiin gaggeeffames mala akkamtaati, meeshaaleen funaansa ragaa immoo sakatta’a dokumentiitiin raawwatame. Dhumarrattis argannoon qorannichaas kitaabilee lachuu keessatti dubartoonni kallattii hawaas dinagdeen miidhamoofi olaantummaa dhiirotaan kan jiraatan ta’uu, Rirriittaa keessatti gama siyaasaan mirgi namummaafi jiraachuullee kan sarbame ta’uun ibsameera.Dubartoonni hojii manaafi alaa keessatti humni isaanii miidhamuu, haadhummaafi ijoollee guddisuun rakkoo garaagaraa keessa akka isaan darban gochuufi asoosama lachuu keessatti miidhaan qaamaa, xiinsammuufi saalaa namfakkii dubartootaa irra kan gahe ta’uun hubatameera. Gama biroon immoo hariiroon dhiirotaafi dubartootaa kallattii hawaas dinagdeen cimaa ta’uun kan ibsame, gama abbootii qabeenyaafi kanneen mana isaanii keessa hojjechiifataniin miidhaan irra gahuun hubatameera.Akka Bu’aa ogbarruu tokkotti dubbistoonni akka keessa seenanii waa hubatan, xiinxalan, bakka ofbuusanii yaadan, wantoota miira nama tuqu hunda ilaalaniifi barreessituun kun akka dubartii taateetti loogii tokko malee dhiibbaa dubartoota irra gahu haalaan kan kaaste ta’uu hubachuun danda’ameera. en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Xiinxala asoosama dheeraa rirrittaafi hiree Galgalaa ija qeeqa dubartummaatiin en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account