Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala bakka bu’iinsa namfakkii dubartootaa Asoosamoota jala bultiifi cancala ija yaaxina Dubartummaatiin

Show simple item record

dc.contributor.author Baacaa Dotii
dc.contributor.author Alamituu Olii
dc.contributor.author Tashoomaa Balaaynaa
dc.date.accessioned 2023-02-14T07:37:30Z
dc.date.available 2023-02-14T07:37:30Z
dc.date.issued 2022-08
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7697
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa Bakka bu’iinsi namfakkii dubartootaa gama hawaasummaan, dinagdeefi siyaasaan asoosamoota jalabultiifi cancala keessatti maal akka fakkaatu ibsuu, asoosomoota eeraman lamaan keessatti akkaataatti hariiroon dubartootaafi dhiirotaa ibsame adda baasuu.Asoosamoota kana keessatti ciminniifi hanqinni dubartootaa haala ittiin ibsame addeesuu.Asoosamoota kanneen keessatti haalli ittiin barreessitoonni dubartoota ibsaniifi dhugaan hawaasa jiru wal simuu ykn wal simuu dhiisuusaa addaan baasuu yoo ta’u, malli qorannichi ittiin gaggeeffames mala akkamtaa/ qulqulleeffataati.irrawwaatamni qorannichaa kitaabilee asoosamaa Cancalaafi Jala Bultii kanneen jedhamaniidha.Kitaabilee kanneen irra deddeebiin erga dubbifamanii booda xiinxalli mata duree garaagaraatti qoqqooduun irratti gaggeeffameera. Meeshaaleen funaansa ragaa immoo sakatta’a dokumentiitiin kan raawwatameedha. Dhumarattis argannoon qorannichaas kitaabilee lachuu keessatti dubartoonni kallattii hawaas-dinagdeen miidhamoofi olaantummaa dhiirotaan kan jiraatan ta’uu, barreesitoonni kunneen dhugaa hawaasa keessa jiru kan baasanii mul’isan ta’uu, namfakkiileen dubartootaa akkawalii galaatti asoosamoota lamaan keessatti dhiyaatan kudha afur (14) yemmuu ta’an kanneen cimina qaban jaha (6) yoota’an kaan immoo hanqina kan qaban ta’uun mirkaneheera. Hariiroon hawaas dinagdee, siyaasaafi walitti dhufeenya hawaasummaa bal’inaan kan keessatti mul’ateedha. Yaanni furmaataa immoo hanga danda’amaa ta’etti barreessitoonni haala hirmaannaan dubartootaa hawaas-dinagdee keessatti guddachuu itti danda’uufi dhiibbaalee irra gahuu danda’an karaa ittiin hir’isuu danda’an kaa’anii gaariidha. en_US
dc.language.iso en_US en_US
dc.title Xiinxala bakka bu’iinsa namfakkii dubartootaa Asoosamoota jala bultiifi cancala ija yaaxina Dubartummaatiin en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account