Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Dhiyaannaa Qabiyyee Horsiisaafiuumama Jechoota Afaan Oromoo: Kitaabilee Seerluga Afaan Oromoo Filatamankeessatti

Show simple item record

dc.contributor.author Maannaallebbish, Axinaafuu
dc.contributor.author Tashoomaa, Balayinee
dc.contributor.author Alamituu, Olii
dc.date.accessioned 2023-02-15T09:46:06Z
dc.date.available 2023-02-15T09:46:06Z
dc.date.issued 2014-07
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7768
dc.description.abstract Qorannoon kun “Xinxala Dhiyaannaa Qabiyyee Horsiisaafi Uumama Jechoota Afaan Oromoo: Kitaabilee Seerlugaa Afaan Oromoo Filataman Keessatti”jedhu xiyeeffachuun geggeeffamee jira. Barbaachisummaan isaas namoota gama xiinqooqaatiin qorannoo walfakkaataa geggeessuu barbaadaniif akka ka’umsaatti kan gargaaru ta’a jedhamee kan amanamuudha.Qorannoon kun mala iddattoo miti-carraatti dhimma ba’uun kan geggeeffameedha. Kaayyoowwan gooree qorannoo kanaa immoo jechoota Afaan Oromoo kitaabilee seerlugaa filataman keessatti haala kamiin akka dhiyaatan xiinxaluun ibseera.qabiyyeen horsiisaafi uumama jechoota Afaan Oromoo kitaabota seerlugaa filataman keessatti dhiyaate hanqina maalii akka qaban addaan baaseera. Akkasumas dhiyaannaa horsiisaafi uumama jechoota Afaan Oromoo kitaabilee seerlugaa filataman keessatti maal akka fakkaatan xiinxaluudhaan ibseera. Daangaa Qorannichaa kitaabilee seerluga Afaan Oromoo shaman qorannichaaf adda baafaman irratti xiyyeeffatamee jira. Irraawwatama qorannichaa kitaabilee seerlugaa filataman yeroo ta’u, Maddi ragaas kitaabilee seerlugaa filataman adda addaa xiinxaluudhaan geggeeffamee jira. Iddattoon qorannichaa iddatteessuu mit-carraa fayyadamuun kitaabota seerlugaa Afaan Oromoo shanan filataman irratti qorannoon kun geggeeffamee jira. Malleen Funaansa Ragaalee Kitaabilee akka madda ragaatti qorannichaaf walitti qabuun funaanuun jalqaba hojii kanaa ta’eera jechuudha. Haaluma kanaan tooftaan funaansa ragaa qorannichaa kitaabilee filatamanii sakatta’uudhaan ta’eera. Mala qaaccessa ragaa qorannoo kanaaf kitaabilee seerluga Afaan Oromoo filataman keessatti dhiyaannaa qabiyyee horsiisaa fi uumama jechootaa maal akka fakkaatan addaan baafamaniiru. Isaan booda qabiyyeen horsiisaa fi uumama jechootaa tokkoo tokkoo kitaabilee seerluga Afaan Oromoo shanan qorannichaaf filatatamanii qofaa qofaatti xiinxalliin irratti geggeeffameera. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Dhiyaannaa Qabiyyee Horsiisaafiuumama Jechoota Afaan Oromoo: Kitaabilee Seerluga Afaan Oromoo Filatamankeessatti en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account