| dc.description.abstract |
Qorannoon tokko kaayyoo gaggeeffamuuf qaba.Kaayyoon qorannoo kanaas walsimannaa
karooraafi raawwii barnoota daree keessaatti kennamu barnoota Afaan Oromoo kutaa 9
12ffaamana barumsaa sadarkaa lammaffaa Mattuu xiinxaluudha.Kaayyoo qorannoo kanaa
galmaan gahuuf qorattuun gosa qorannoo akkamtaatti fayyadamuun barsiisota Afaan Orommoo
barsiisan shaniifi hoggantoota mana barumsaa sad. 2ffaa Mattuu mala iddatteessuu miti carraa
kaayyeeffataatiin kan filataman yemmuu ta’u. meeshaaleen ragaan ittiin funaanaman
daawwannaa, sakatta’a dookumentiifi afgaafii fayyadamteetti. Qorannoo kanaaf madda
ragaalee ta’anii kan tajaajilan, gaaffilee qorannoo kana keessatti ka’aniif deebii kennu
jedhamanii kan yaadamaniidha. Madda ragaa tokkoffaa karoora barannoo, kitaaba barataafi
qajeelcha barsiisaa kan barnoota Afaan Oromoo kutaa 9-12ffaa bara 2015n yemmuu ta’u maddi
raga lammaffaan immoo barruu garaagaraa qorannoo kanaan walitti hidhataniidha. Ragaalee
funaaname irratti huundaa’uun argaannoon qorannoo kanaa kan ibsu; karoorri barannoo ykn
guyyaa barnoota Afaan Oromoo qophaa’eefi raawwiin barnoota daree keessaa akkaataa
karoorfameen kan hinraawwanne waan ta’eef guutumman guututti walhinsimne. Walsimuu
dhabuu karoora guyyaafi waggaa akka ta’e sakatta’ameera. Kanaaf, Sababni baay’ina qabiyyee
barsiifamuufi lakkoofsi barattootaa daree tokko keessatti garmalee baa’yachuu, , meeshaalee
barnootaa gahaan dhabamuufi yeroo isaa eegee dhiyaachuu dhiisuu. Kanaafuu qorattuun
rakkoolee kana furuuf qaamni isaa ilaallatu haala daree barnoota mijataa gochuu,meeshaalee
barnootaa yeroon dhiyeessuufi barsiisonni seeraan karoorfatanii waan karoorfatan haalaan
daree
keessaatti
raawwachuu
qabu
jechuun
yaada
furmaataa
laatteetti. |
en_US |