| dc.description.abstract |
Qorannoon kun “Qeeqa Asoosama Dheeraa “Galaa Dhiigaa” Ija Yaaxina Dubartummaatiin”
jedhu irratti kan gaggeffamedha. Kaayyoo qorannoo kanaas asoosama Galaa Dhiigaa ija
yaaxina dubartummaatiin qeequdha.Milkaa’ina kaayyoo kanaafis gosa qorannoo akkamtaatti
gargaaramuun adeemsifame.Gosa kana keessattis ibsa akkamtaa (qualitative descreptive)
gargaaramuun sakkatta’a dookumentii gochuun qeeqni ragalee fudhatamanii adeemsifameera.
Akkasumas qorattuun asoosama filatame kana akka madda raga tokkoffaatti kan dhimma itti
baate yoo ta’u, asoosama filatte kanas, kaayyoo qorannoo ishee irratti hunda’uun mala idaattoo
miti carraa keessaa tooftaa iddatteessuu kaayyeffataattiin asoosamicha keessaa maddoota
qorannoo isheef barbaachisu keessaa filachuun qeeqxeetti. Haaluma kanaan barreessaan
asoosamicha yeroo barreessetti ilaalcha hawaasi dubartootaaf qabu kan itti mul’iseefi cimina
dubartoonni hawaasa keessatti qaban irratti fuulleffachuu isaa bu'aan qorannoo kanaa
argamsiseera. Dabalataanis asoosama “Galaa Dhiigaa” keessatti barreessaan namfakkii
dubartoota yeroo kalaqetti dubartoonni gama hawasummaafi, gama dinagdeen milakaa’oofi
ofdanda’anii kan biroo deeggaruu akka danda’anitti kan kalaqe ta’usaatu adda baafame.Kunis
qabatama hawaasa keessa jiru bifa kalaqaan dhiyeessuu isaati adda bahe. Gama biraan immoo
akka asoosamicha keessatti dhihatetti dubartootarra miidhaan karaa dhiirotatiin kan irra gahe
yoo ta’u miidhawwan kunis, miidhaa xiinsammuu, midhaa qaamaa akkasumaas, miidhaan
saalaa kan irra gahe ta’utu bira gahame. Miidhawwan barreessaan asoosama isaa keessatti
dhiyeesse qabatamaa hawaasa keessa jiruun yoo ilaalamu barreessaan olguddisee akkaataa
qabatamaa hawaasa keessa jirannurraa kan maqe ta’uun bira gahameera. Kana malees
asoosama kana keessatti barreessaan dubartoota namfakkii muummee godhee kalquurraa
kaasee bakka gurguddaa kan kenneefi akkasumas asoosamicha keessatti loogiin koorniyaa kan
hinargamne ta’uu qorattuun qorannoo isheen bira geessetti. Namfakkii muummee godhee
kalaquun dhugaa hawaasa keessa jiru kan ibsedha. Kunis dubartoonni hawaasummaa keessattis
ta’ee dinagdee keessatti yeroo isaan bakka gurguddaa jiran waan mul’atuufi. |
en_US |