Jimma University Open access Institutional Repository

Madaallii Dandeettii Barreessuu Barattootaa Dhimmoota Adda Addaaf: Haala Mana Barumsaa Saqqaa Sad.2ffaa Lak.1

Show simple item record

dc.contributor.author Dabalaa Mul’ataa
dc.contributor.author Cimdii Waaqumaa
dc.contributor.author Soofiyaa Useen
dc.date.accessioned 2026-03-12T12:20:11Z
dc.date.available 2026-03-12T12:20:11Z
dc.date.issued 2024-08-27
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/10226
dc.description.abstract Kaayyoo guddaan qorannoo kanaa Madaallii Dandeettii Barreessuu Barattootaa Dhimmoota Adda Addaa kan akka:xalayaa barreessuu,himata barreessuu,abbaltii, qormaata,hojii manaa,gabaasa barreessan keessatti haala mana barumsaa Saqqaa Sad.2ffaa Lak.1 barreeffama barattootaa qaaccessuufi hanqinaalee mul‟ataniif yaada furmaataa kaa‟uudha.Bakki qorannoon kun itti gaggeeffame magaalaa Saqqaa Coqorsaa mana barumsaa Saqqaa Sad.2ffaa lak. 1 keessatti. Galma ga‟iinsa qorannoo kanaatiif mala qorannoo makaa (akkamtaafi hammamtaan) adeemsifamee jira.Ragaaleen barbaachisaa ta‟an akka madda tokkoffaatti barruulee barattoonni barreessan yoo ta‟u,akka madda lammaffaatti immoo barattootaa fi barsiisota mana barumsichaatti Afaan Oromoo baratanii fi barsiisan irraa meeshaalee bargaaffii fi afgaaffii akkasumas, sakatta‟a dookumentiitti dhimma ba‟uun odeeffannoon funaanameera. Baay‟inni barattoota iddattoo fudhatamanii dhiira 35 fi dubara 49 walii galatti,barattoota 84 irraa odeeffannoon funaanameera.Odeeffannoon funaanames,mala qaaccessa ragaalee lakkoofsaafi jechaan qaacceffamanii dhihaatanii jiru.Argannoon qorannoo kanaarraa argame akka mul‟isutti, barattoonni baay‟een Afaan Oromootiin yemmuu barreessan dogoggorri adda addaa akka uumamaa tureedha. Kunis dogoggora dhamjechaa,jecha qubeessuu, qubguddeessa,ijaarsa himaafi keeyyataa,sirna tuqaalee, filannoo jechootaa, itti fayyadama seerlugaa,yaada maddisiisuu fi yaada qindeessuu irratti rakkoo akkan qaban hubatamee jira.Kanamalees,barsiisonni sirnaan gochaalee garaagaraa shaakalchiisuu dhabuu,duubdeen kennamu ciccitaa ta‟uu,kitaabileen wabii dandeettii afaanii dagaagsu mana barumsa keessa dhabamuu. barattoonni seera barreeffamaa afaan tokkoo beekuu dhabuu, hanqina yaaddeebii,fi kkfa‟i kan jiru ta‟uun isaa hubatameera.Qorannoo kana keessatti rakkoolee barreeffama barattootarratti mul‟atan furuuf qabxiileen qoratichaan kaa‟aman barattoonni barreeffama irratti shaakala walitti fufaa osoo taasisanii, barsiisonni hordoffii cimaa osoo godhanii,barsiisonni saayinsii barreessuu barattoota haalaan osoo hubachiisanii,barattoota sad.1ffaa barsiisota barnoota Afaan Oromootin leenji‟aniin barnoonni Afaan Oromoo osoo kennamee, yaadni sirreeffamaa (feedback)n barattootaf irra deddeebin osoo kennamee,barattoonni waan barreessan sana gulaaluuf fedhii qabaatanii,shaakalliin gilgaalotaa irra deddeebin kennameefi kan jedhan akka furmaataatti kaa‟ameera. en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Madaallii Dandeettii Barreessuu Barattootaa Dhimmoota Adda Addaaf: Haala Mana Barumsaa Saqqaa Sad.2ffaa Lak.1 en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account