Jimma University Open access Institutional Repository

Xinxala qabiyyee fi Raawwii weedduu Asmaarii Godina Iluu Abbaa Boor

Show simple item record

dc.contributor.author Innidag Asmaaree
dc.contributor.author Ashannaafii Balaay
dc.date.accessioned 2022-03-07T09:05:36Z
dc.date.available 2022-03-07T09:05:36Z
dc.date.issued 2021-01-01
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/6591
dc.description.abstract Mata dureen qorannoo kanaa ‘Xiinxala Qabiyyeefi raawwii Weedduu Asmaarii goina Iluu Abbaa Boor’ kan jedhudha.Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa qabiyyee fi raawwii weedduu asmaarii Oromoo godina Iluu Abbaa Boor, aanaalee Aalleefi Diiduu xinxaluudha.Qorannoon kun gosa qorannoo ibsaa(descriptive Study) ta’ee, mala akkamtaa hordofee raawwatame. Maddi odeeffannoosaa sad.1ffaa yammuu ta’uu namoota ogummaa asmaarummaa qabanuufi maanguddoota waa’ee weedduu asmaarii hubannoo qabanudha.Iddattoo miti- carraa keessaa akkayyoo(purposivesampling) fayyadamuunaanaalee lamaan keessaa asmaaroota afuriifi maanguddoota kudha lamairraa odeeffannoon funaanamera.Meeshaaleen odeeffannoo af-gaaffii,daawwannaafi marii gareeti.Qorannichi qixa yaadiddamoota tajaajilaafi galumsaatiin gaggeeffame.Odeeffannoon funaaname haala qaacceessa ragaa qulqulleeffataatiin qaacceessamee ibsame.Weedduun asmaarii,gosa weedduu aadaa yeroo rakkoo fi qannoo kan nama bashannansiisuufi gadda nama irraanfachiisudha.Sababiin qorannicha gaggeessuuf qorataa kakaaseyeroo ammaa weedduun kun dagatamaafi akka boodatti hafummaatti ilaalamaa jira. Qawwaa kana duuchuuf qabeenyaan hawaasaa bu’a qabeessaa ta’e kun kunuunfamuun dhalootatti daddarbaa akka deemu gochuun barbaachisaa ta’uu hubachuudha.Kaayyoon Qorannoo kanaa Qabiyyee fi raawwii Weedduu Asmarii Godina Iluu Abbaa Boor, aanaa Aalleefi Diiduu xinxaluudha.Weedduun asmaarii qabiyyee hedduufi raawwii hawwataa qabaachuu,qabeenyaa fokloorii hawaasa Oromoon qabu keessaa tokko ta’uufi faayidaan isaa guddaa ta’uu,sababoota garagaraatiin dagatamaa jiraachuunsaas adda baheera.Kunis qaama ilaallatuun xiyyeeffannaa barbaachisuu kan hin argannee ta’uu mul’isa. Furmaanni qorannoo kana keessatti eerame gabaabinaan;xiyyeeffannaan itti laatamee,hubannoo uumuufi bu’aa weedduun kun qabu mul’isuu,kanas barreeffamaan ka’aanii dhaloota dhaalchisuun kan barbaachisu ta’udha en_US
dc.language.iso en_US en_US
dc.title Xinxala qabiyyee fi Raawwii weedduu Asmaarii Godina Iluu Abbaa Boor en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account