dc.description.abstract |
Kaayyoon Qorqnnoon kanaa shaakala madaallii dandeettii barreessuu Afaan Oromoo barattootaa
irratti qaban kan xiyyeeffatudha. Gama bakkaatiin qorannoon kun kan xiyyeeffate mana barumsa
sadarkaa 2ffaa Ukkeefi Luugoottidha.Akkasumas, qorannoon kun mala qorannoo makoo ta’ee bifa
addeessuutiin dhihaate. Kana malees, qorannoo kana keessatti barattoonni 64 dareewwan mana
barumsaa dhaggeeffatama’uunirraa carraa keesaa Akkayyoon yoo fudhataman Barsiistonni afaan
Oromoo barsiisan 4 immoo mit-carraan ragaa irraa funaanameera. Akkasumas, qorannoo kana
keessatti meeshaaleen funaansa ragaalee kanneen akka afgaaffii fi bargaaffii, sakkatta’insa
dookimaantii fi Daawwannaa irraa ragaa qabatamaa argachuuf yaalamee jira.Ragaaleen
funaanamanis, mala qaaccessa ragaalee lakkoofsaafi jechaan qaacceffamanii dhihaatanii
jiru.Kanneen lakkoosaan taa’an dhibbeentaatti jijjiiruun hiikni itti kennamera.Argannoon qorannoo
kana barattoonni baay’een barreeffama Afaan Oromootiin barreessuu keessatti rakkoo qabaachuun
isaanii ifatti mul’atee jira.Barattootni gilgaalaa fi shaakala dandeettii barreessuu isaanii madaalu
kennameef seeraan itti fayyadamaa akka hin jirree bira gahameera.Kana malees, ilaalchi barsiisonni
sirnaan shaakalchiisuufi hojiiwwan biroo hojii barreessuu waliin walqabatu irratti hojjechuurratti
hanqinni akka jiru irra ga’ameera |
en_US |