dc.description.abstract |
Qorannoon kun asoosamoota dheeroo Yaadaafi Madaa Ciqilee jedhaman qeeqa xiinsammuutiin
qeequu irratti xiyyeef ate.Ka’umsi qorannoo kanaas, asoosamoonni Afaan Oromoon
barreef aman babal’ataa jiraatanis qorannoon firiiwwan asoosamoota kanaa irratti
adeemsifaman bal’inaan mul’achuu dhabuu isaaniiti. Akka qorannoon kun adeemsifamu dhimmi
qorattuu kakaases hanqina kallattii kanaan mul’atu guutuuf yaaddeeti.Qeeqni hojiilee kalaqaa
irratti adeemsifamu immoo ciminaafi hanqina hojichaa waan mul’isuuf guddina ogbarruutiif
gummaacha olaanaa qabaata. Qorannoon kun qorannoo qulqulleef ataa yammuu ta’u, saxaxa
ibsaatti gargaarameera.Maddi odeef annoo qorannoo kanaas asoosamoota Madaa Ciqileefi
Yaada jedhamanidha. Qorattuun mataduree qorannoo ishee irratti hundaa’uun iddatteessuu
kaayyef ataatti dhimma baate.Malli qaaccessa ragaa immoo,mala qulqulleef atadha.Kaayyoon
gooroo qorannoo kanaa, asoosamoota lachuu kallattii qeeqa xiinsammuutiin
qeequudha.Haaluma kanaan, qorannichi kan gaggeef ame yoo ta’u, yaadxina xiinsammuu
bu’uura godhachuudhaan dhimmootni abjuu, milkii, qaamolee sammuu sadan, ittisa fedhii
dhokataa, mallattoofi sammuu riphaa akkasumas jaalala irratti dhimmoonni xiyyeef atan
qeeqamaniiru. Ragaaleen dhimmoota kanneeniif gargaaran ammoo asoosamoota lachuu
keessaa sakatta’a dookimantiin funaanamanii qeeqamaniiru.Adeemsa xiinxala ragaalee kana
keessattis kanneen asoosamoota lamaan keessatti ka’an xiinsammuu hawaasummaa keessatti
kan calaqqisaniifi dhiisan ta’uun isaanii walbira qabamanii ilaalamuuf yaalamaniiru. Qeeqa
xiinsammuu keessatti dhimmoonni hojiilee ogbarruu keessatti ilaalaman, taateewwan gara
garaa asoosamoota keessatti dhihaatan dhugaa hawaasa keessaa ka’umsa kan godhatan ta’uufi
dhiisuu isaaniitu xiinxalame. Asoosamoota kanneen keessattis dhimoonni abjuu, milkii, qaamolee sammuu sadan, ittisa fedhii dhokataa, mallattoofi sammuu riphaa akkasumas jaalala
agarsiisan hedduun isaanii kan jiruufi jireenya hawaasichaa keessatti mul’atu ka’umsa kan
godhatan ta’uu isaaniitu xiinxalame. Dabalataanis, asoosama lachuukeessatti dhimmoonni
qaama sammuu keessaa ‘id’, ‘ego’ fi ‘superego’ agarsiisan dhihaachuuf yaalaniiru. Gama
biraatiin, hojii ogbarruu Yaadaa keessatti dhimoonni safuu hawaasichaan ala ba’an irra
deddeebiin yammuu mul’atan ilaaluun danda’ameera.Dhimmoonni akkasii osoo haala safuu
hawaasichaa eegeen dhihaatanii hojii ogbarruu sadarkaasaa eeggate dhiheessuuf gumaacha
taasisuu malu.Dhuma irrattis, hojiileen ogbarruu kunneen kallattii qorattoonni biroon gosa
qeeqa gara garaan hojii qorannoo isaanii irratti gaggeessuu danda’anis akeekame |
en_US |