Jimma University Open access Institutional Repository

Sakatta’a Haala Itti Fayyadama Galmee Jechootaa Afaan Oromoo Qayyabannaa Barnoota Afaan Ingilizii Barattoota Manneen Barnootaa Saqqaa Sadarkaa Lammaffaa fi Qophaa’inaa

Show simple item record

dc.contributor.author Anuwaar Mabraatuutiin
dc.contributor.author Cimdii Waaqumaa
dc.contributor.author Taaddasaa Hirphaa
dc.date.accessioned 2022-03-07T10:46:14Z
dc.date.available 2022-03-07T10:46:14Z
dc.date.issued 2021-08-06
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/6597
dc.description.abstract Kaayyoon waraqaa qorannoo kanaa,haala itti fayyadama Galmee Jechoota Afaan Oromoo qayyabanna Barnoota Afaan Ingilizii barattoota manneen barnoota Saqqaa Sadarkaa LammaffaafiQophaa’inaa keessa jiru,sakattaa’uun ibsuudha. Qorannoon kun,mala makaa (akkamtaafi hammamtaa)tiin geggeeffame.Kayyoo qorannoo kanaa galmaan gahuuf,meeshaalee odeeffannoowwan ittiin funaanaman keessaa kanneen akka bargaaffii,afgaaffii fi daawwannaan daree hojiirra oolanii jiru. Kanamalees,bargaaffilee yaanni isaanii walfakkaatan barattoota 112 fi barsiisota 10f raabsuun hundaisaanii harkaa funaanee deebii isaan kennan lakkoofsa deebistootaa gabateerratti ,dhibeentaatti erga jijjiireen booda, yaanni waliigalaa deebii isaanii maal akka fakkaatu madaallii qabxii olaanaatti fayyadamuun hiika ittikenneera. Akkasumas,qoratichi afgaaffileedhaf immoo,odeeffannowwan daawwannaa dareefi bargaaffiitiin argame qulqulleeffachuuf barattoota 6 gaafatee mirkaneeffateera. Walumaagalatti,odeeffannoon qorannoo kanaa,malleen hammamtaafi akkamtaan(makaan)tiin ibsame. Argannoon qorannoo kanaas,barattoonni manneen barnootaa iddatteeffaman kanneen keessatti argaman keessaa baayyeen isaanii yeroo baayyeef qabiyyeen Barnoota A/ Ingiliii gara A/Oromootti hiikamee akka dhiyaatuuf gaafachuun isaanii qabatama argateera, Kanamalees,rakkoon barattoota baayyee manneen barnoota kanaa akka qabiyyeen barnootichaa gara afaan dhalootaa isaaniitti akka hiikamuuf kan gaafataniif sababa ulfaatina hiika jechootaa qabiyyee barnootichaatiif akka ta’e argannoon qarannoo kanaa ni ibsa. Gamabirootiin,Barattoonni manneen barnoota kanaa rokkoo isaanii kana,ofirraa maksuuf, baayyeen isaanii yeroo baayyeef G/ Jechoota A/ Oromoo aflameetti fayyadamuu akka jalqaban ragaa sassaabame irraa hubachuun danda’aameera. Dabalataanis,Barsiisonni A/ Ingilizii manneen barnootichaas,faayidaa G/ jechootaatti fayyadamuun qabuufi haala galumsa himaatiin fayyadamuun gahumsa ittifayyadamummaa hiika jechootaa barattoota kanaa dabaluuf, darbee darbee carraaqaa akka jiran hubachuun danda’aamera.Akkasumas, Barattoonni manneen barnoota kanaas,baayyeen isaanii qayyabannaa qabiyyee Barnoota A/ Ingilizii keessatti faayidaa G/ jechootaatti fayyadamuun qabu hubachuun, galmee jechootaatti haalaan fayyadamuuf carraaquu akka jalqaban, ragaaa argame irraa hubachuun danda’aameera. Yaada furmaataa argannoo qorannoo kana keessatti kenname ilaachisee, barsiisonni A/ Ingilizii manneen barnootichaa barattoota komachuu qofa osoo hintaane,rakkoo barattoota kanaa adda baasuun,furmaata rakkoo kanaa ta’uu qabu. Kanamalees,Sababa barattoonni kun qabiyyeen barnoota Afaan Ingilizii gara A/Oromootti hiikamee akka dhiyaatuuf gaafatan kana adda baasuun rakkoo barattoota kanaa furuuf, xiffeeffannoo guddaan irratti hojjachuu qabu. Akkasumas,Rakkoon barattoota baayyee manneen barnoota kanaa harki caalu rakkoo gahumsa hiika jechoota A/ Ingilizii ta’uun ragaa sassaabame irraa waan hubatameef, barsiisonni Afaan Ingilizii manneen barnoota kanaa rakkoo gama kanaa furuuf,cimsanii irratti hojjachuu qabu.Kanamalees,barsiisonni kun, barattoonni manneen barnoota kanaa G/ jechootaatti akka fayyadamanii fi gosoota G/ jechootaa barattoonni kun itti fayyadaman haala itti fayyadama isaatiin walqabatee qajeelfama barbaachisu kennuun barattoota kanaaf,kaka’umsa cimaa ta’e, uumuu qabu. en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Sakatta’a Haala Itti Fayyadama Galmee Jechootaa Afaan Oromoo Qayyabannaa Barnoota Afaan Ingilizii Barattoota Manneen Barnootaa Saqqaa Sadarkaa Lammaffaa fi Qophaa’inaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account