Jimma University Open access Institutional Repository

“Xiinxala Qabiyyee Caaslugaa: Kitaabilee Wabii Semmoo, Natoofi Gadaa Keessaattii

Show simple item record

dc.contributor.author Baahiruu Alamuutiin
dc.contributor.author Alamaayyehu Faqqade
dc.contributor.author Yashii Itichaa
dc.date.accessioned 2022-03-07T10:56:17Z
dc.date.available 2022-03-07T10:56:17Z
dc.date.issued 2021-01-06
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/6598
dc.description.abstract Qorannoon kun “xiinxala qabiyyee caaslugaa kitaabilee wabii Semmoo Natoofi Gadaa” jedhu irratti kan gaggeef ame yoo ta’u, kaayyoon isaas, qabiyyeen caaslugaa kitaabilee wabii Natoo, Semmoofi Gadaa keessatti akkamitti akka dhiyaate xiinxaluun agarsiisuudha.Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan gahuuf maddi ragaa kitaabilee wabii Natoo, Semmoofi Gadaa dha.Ragaan qorannoo kanaas sakatta’a dookimantiifi afgaaf ii barsiisotaaf dhiyaateen walitti qabamee jira.Afgaaf itti kan dhimma bahameef akka odeef annoo dabalataatti waan qoraticha gargaaruuf malee bu’uurri qorannichaa kitaabilee wabii Natoo,Semmoofi Gadaadha.Saxaxni qorannoo kanaa saxaxa ibsaa yoo ta’u, mala qorannoo qulqulleef ataatti kan dhimma bahedha.Akaakuun qorannoo kanaa, mala qorannoo keessaa mala qorannoo ibsaa gargaarameera.Sababiin isaas,malli qorannoo ibsaa faayidaafi caasaa afaanii xiinsaga irraa kaasee hanga caasaa himaatti jiran irratti hundaa’uun ibsa kenna.Ragaa kana irraa wanti hubatame,kitaaba wabii Semmoo keessatti garee jechootaa ilaalchisee yaadni jiru kitaabilee wabii Natoofi Gadaa irraa garaagarummaa kan qabu akka ta’edha.Kunis, garee jechootaa bakka afuritti kan qoodedha. Yaadni kitaaba wabii Natoo keessatti argamu immoo, baay’ee walxaxaa ta’ee kan dhiyaatedha. Haala qoodinsa garee jechootaa ilaalchisee kitaabilee wabii kanneen gidduu garaagarummaan kan jiru akka ta’e qorannoon kun ifatti mul’iseera. Sakatta’a taasifamerraa akka hubatamutti kitaabni wabii Semmoo caasaa xumuribsaa waan hindhiyeessineef akka caasluga Afaan Oromootti kitaabni kun caasaan xumuribsaa taajaajilaan malee uunkaa kan hin mul’anne akka ta’e waan mirkaneessefidha. Yaadni furmaataa qorannoo kanaa akka agarsiisutti qoodinsa garee jechootaa ilaalchisee kitaabilee wabiiNatoo, Semmoofi Gadaa gidduu garaagarummaan guddaa kan jiru akka ta’edha.Kunimmoo,akka caasluga Afaan Oromootti guddina afaanichaaf gumaacha ni godha jedhamee yaadama. Akkasumas, qopheessitoonni kitaabilee wabii kunneen maalummaafi moggaasa caasaa kanneen irratti waliin mari’achuun jechoota waaltawaafi sadarkaa barattootaa giddugaleef ate irratti hundaa’uun osoo qopheessanii filatamaa ta’a en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title “Xiinxala Qabiyyee Caaslugaa: Kitaabilee Wabii Semmoo, Natoofi Gadaa Keessaattii en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account