Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Ergaa Afwalaloo Geelloo Oromoo Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyanaa

Show simple item record

dc.contributor.author Dassaaleny Nagarii
dc.contributor.author Taayyee Guddataa
dc.contributor.author Abdusalaam Abbaa Olii
dc.date.accessioned 2022-03-07T11:04:40Z
dc.date.available 2022-03-07T11:04:40Z
dc.date.issued 2021-01-06
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/6599
dc.description.abstract Qorannoon kun mata-duree Xiinxala Ergaa afwalaloo Sirba Geelloo Oromoo Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaana irratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffamedha. Ka’umsa qorannoo kanaaf sababni inni guddaan, uummata Oromoo Aanaa Giddaa Ayyaana biratti yeroo ammaa kana afwalaloon sirba geelloo irranfatamaa dhufuudha. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa ergaa af walaloo sirba Geelloo Oromoo Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyanaa xiinxaluu yommuu ta’u, Barbaachisummaan qorannoo kanaa immoo namoota qorannoo bal’aafi gadifagoo dhimma mataduree kana waliin hidhata qaban irratti gaggeessaniif odeeffannoo barbaachisaa ta’e kennuu, dargaggootni Oromoo aadaa isaanii akkaa yaadataniif, akka jajjabeessaniifi ergaan sirba geelloo maal akka ta’e akka isaan hubataniif, waajjira Aadaafi Turiizimii Aanichaaf akka madda ragaatti fayyaduun guddinaafi dagaagina afoola Oromoofis tumsa guddaa niqaba.Malleen qorannoo kana keessatti hojiirra oolanis,saxaxa qorannoo,madda odeeffannoo tooftaa miti-carraa ta'ee,madda ragaa tokkoffaati. Malli iddatteessuu qorannoo kana keessatti itti fayyadames, mala iddattoo miti carraa ta'ee, iddatteessuu akkayyoofi darbaa dabarsaadha. Malli funaansa odeeffannoo kanaas afgaaffii,mariigareefi daawwannaadhaan kan funaaname yommuu ta'u,malli qaaccessa odeeffannooqorannoo kanaa immoo mala xiinxala ergaati. Kanas,naamusa qorannoo barbaachisaa ta'etti fayyadamuun qorataan qorannoo kana gaggeesseera. Haaluma kanaan qorannoo kun argannoowwaan bira gahamanis, Ragaalee xiinxalaman kanneenirraa afwalaloo sirbi geelloo Oromoo Giddaa ergaawwan hawaasummaa, dinagdeefi siyaasa ibsan dabarsu. Dabalataanis, sirboonni geelloo hawaasichaaf faayidaalee bashannansiisuu, safuufi aadaa hawaasaa barsiisuu, eenyummaa ijaaruufi dhaloota haaraa onnachiisuu akka qabu xiinxalameera. Qorannoon kun yaadiddama faayidaalee gosoonni beekumtaa jiruufi jireenya hawaasaa keessatti qaban qorachuudhaan adda baasuuf kallattii namatti kan agarsiisudha. Kana irraa ka’uudhaan, qorataan qorannoo kana afwalaloo sirba geelloo Oromoo aadaa hawaasni sun dhimma bahu irratti hundaa’uun faayidaalee inni hawaasichaaf qabu yaadiddama kana hordofuun xiinxalame jira. en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Xiinxala Ergaa Afwalaloo Geelloo Oromoo Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyanaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account