Jimma University Open access Institutional Repository

Sakatta’a Fedhii Barnoota Afaan Oromoo Barattoota Magaala Jimmaa Afaan Oromoon Afaan Lammaffaa Isaanii Ta’e

Show simple item record

dc.contributor.author Amalawarq Siyyum
dc.contributor.author Cimdii Waaqumaa
dc.contributor.author Alamaayyoo Faqadaa
dc.date.accessioned 2022-03-08T07:48:33Z
dc.date.available 2022-03-08T07:48:33Z
dc.date.issued 2021-09-06
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/6613
dc.description.abstract Qorannoon kun kan gaggeeffame manneen barnoota Jimmaa sadarkaa 1ffaa, Giinjoo, Mandaraafi Hibrat yoota’u, kaayyoon qorannichaas, Sakatta’a fedhii Barnootaa Afaan Oromoo barattoota Magaala Jimmaa Afaan Oromoon afaan lammaffaa isaanii ta’e sakatta’uudha. Xiyyeeffannoon qorannichaas maalummaa afaan lammaffafi waa’ee fedhii afaan lammaffaa irrattidha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf meeshaan ragaan sassaabame barattoota, barsiisota, habuurraa dareefi sakatta’a barruu barattootaa gargaaramuun walitti qabame bargaaffiidhaan barattoota mala carraatiin iddattoodhaaf filataman 163(%30) irraa funaaname. Afgaaffiin barsiisota Afaan Oromoo barsiisan sadii fudhachuun funaaname. Akkasumas tokko tokkoo barsiisotaa bira marsaa sadii seenuun daawwannaan daree gageeffamefi sakatta’a barruu barattootaa ilaalaman walitti qabame. Malli odeeffannoon itti funaanamefi qaaceffame mala makaati. Odeeffannon mala ammamtaatiin argame gabateefi dhibeentaadhaan kaa’uun ibsi itti kenname qaacceeffame. Malli akkamtaatiin argame immoo ibsaan dhiyaate. Yaanni xumuraa qorannichaa akka agarsiisutti fedhii barattoonni Afaan Oromoo kutaa 5-8 barachuuf qaban giddu galeessa ta’ufi barsiisonni fedhii barumsichaa barattoota isaanii keessatti uumuuf carraqanis gadaanaadha. Waantoonni Fedhii barattoota Afaan Oromoo akka afaan lammaffatti barachuuf qaban irratti dhiibbaa geesisuu danda’aniis naamusa daree eegsisuu dhiisuu, Afaan Oromoon akka isaan hinfayyadnetti fudhachuunfi hubannoo dhabuu, yeroo baratan Afaan Amaaraa malee Afaan Oromoon dubbachuu rakkachuu, sababa wayitiin xiqaachuurraa kan ka’e shaakala gahaa ta’e gochuu dhiisuufi barsiisonni duub deebii gahaa ta’e kennuu dhiisuudha. Fedhii barattoota Afaan Oromoo baratan irratti dhiibbaa geessisan furuuf barumsa tiitoriyaalii kennu, walitti dhufeenya barataafi barsiisaa cimsu, ofitti amanamuummaa barattoota olguddisufi wayitii Afaan Oromoof ramadame dabaluudha. Argannoo kana bu’uureeffachuun gaaffii ka’umsa qorannoo kanaaf furmaata ta’uu danda’a jedhe malli baruu barsiisuu kan barataa giddu galeessa godhate osoo ta’e, barumsichi yeroo kennamu Afaan Amaaraan makamuu baatee Afaanuma Oromoon osoo kenname, barumsi Afaan Oromoo kutaa tokko jalqabee kenname, wayitiin Afaan Oromoof ramadame jiru osoo dabale, barattoonni yeroo shaakala adda addaa godhan duubdeebiin barsiisotaan Kennamuun osoo jajjabeeffaman fedhii qabaatan gaariidh en_US
dc.language.iso en_US en_US
dc.title Sakatta’a Fedhii Barnoota Afaan Oromoo Barattoota Magaala Jimmaa Afaan Oromoon Afaan Lammaffaa Isaanii Ta’e en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account