Jimma University Open access Institutional Repository

Qaaccessa Ergaa Faaruu Haadhaa Godina Wallaggaa Lixaa

Show simple item record

dc.contributor.author Bijigaa Kabbadaa
dc.contributor.author Taayyee Guddataa
dc.contributor.author Alamituu Olii
dc.date.accessioned 2022-03-10T07:46:56Z
dc.date.available 2022-03-10T07:46:56Z
dc.date.issued 2021-09-01
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/6668
dc.description.abstract Hanga ammaatti qorannoon faarulee dhimma haadhaan walqabatanii jiran irratti gadfageenya gaggeef ame bal’inaan hinjiru.Qorataan kun ergaa faaruu haadhaa godina Wallaggaa Lixaa xiinxaluuf murteesse.Kaayyoon ijoo qorannoo kanaa qaaccessa ergaa faaruu haadhaa ta’ee akkaataa itti fayyadama afwalaloo faaruu kanaa ilaaluun ergaa akkamii dabarfachuufi yoomessa hawaasichi keessatti dhimma itti bahu haala hawaasa godina kana keessatti argamuun qaaccessuun kaa’ame.Qorannoo kana galmaan gahuu kan danda'u mala qorannoo qulqulleef ataa waanta'eef mala kanaan gadi fageenyaan ragaan deeggaramuun ibsa barbaachisaa waliin odeef annoon argame qaaccef amee jira.Maddi ragaawwan qorannoo kanaaf ta’us kan qindaa’e hawaasa keessatti odeefkeennitoota jaarsolii,beerranfi barsiisota hubannoo afwalaloo faaruu haadhaa kana beekan 25 irraa odeef annoo funaanuun mala iddatteessuu akkayyootti fayyadamuun mala qorannoo akkamtaatti(qualitative) dhimma baheera.Argannoon qorannoo kanaa ergaan faaruu kanaa jaalala haadhaa,gara laafina haadhaa,jabina haadhaafi haadha jajjabeessuu kan ofkeessaa qabu yammuu ta’u,kan namoonni dhimma itti bahaniif ammoo yaaddoo qaban ittiin ibsachuuf,nagaa ittiin dhaammachuuf,haadha duute ittiin yaadachuuf akka oolu bira gahameera.Gama yoomessaan ammoo hiyyummaaf yeroo haadharraa fagaatan,dhiibbaaf yommuu haadharraa fagaatan,yeroo dirree waraanaa jiraatanfi haadha duute yeroo yaadatan akka itti dhimma bahan hubatameera.Yaboon qorannichaas qorannoon faaruu kana irratti dabalataan geggeef amuu akka qabu,namoonni baratan faaruu kana walitti qabuun bareef amaan kaa’uu akka qaban,haalli itti fayyadama isaa qoratamee dhalootaaf dabarfamuu akka qabu,namni hunduu akka faaruun kun lafarraa hinbadneef gumaacha irraa eegamu bahuu akka qabuudha. en_US
dc.title Qaaccessa Ergaa Faaruu Haadhaa Godina Wallaggaa Lixaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account