Jimma University Open access Institutional Repository

Qaaccessa Akkaataa Fi Ergaa Walaloowwan Zalaalam Abarraa Filataman Keessatti

Show simple item record

dc.contributor.author Urgeessaa Bayyanaa Jabanaa
dc.contributor.author Alamituu Olii
dc.contributor.author Yeshii Itichaa
dc.date.accessioned 2022-03-10T07:51:48Z
dc.date.available 2022-03-10T07:51:48Z
dc.date.issued 2021-09-04
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/6669
dc.description.abstract Ka’umsi qorannoo kanaa barreef amni walaloo amma tokko barreef amaa jiru; qorannoon barreef ama walaloo Oromoo irratti gaggeef ame garuu gad aanaa waan ta’eefidha. Kaayyoo gooroon qorannoo kanaas akkaataafi ergaa walaloowwan Zalaalam Abarraa filatamoo kanneen mata dureen isaanii Jedhe Diggaa Saaqoo, Koo Malli Maali? Fi Uggum Kubbaa Miillaa! jedhan xiinxaluudha. Kana xiinxaluufis, kitaabilee wabii qorannoo kana tumsuuf gargaaran hedduun sakatta’amaniiru. Xiinxala kanaas haala dhiyaannaa (stylistic approach) hordofee hojjete. Qorannoon kun mala qaaccessa raga akkamtaa hordofee qaaccef ame. Jechootaan gadi fageenyaan ibsuufis saxaxa qorannoo ibsa akkamtaa (qualitative descriptive) gargaarame. Ragaalee qorannichaaf barbaachisan walaloowwan qorannoo kanaaf filataman sadan dubbisuun mala sakatta’a raga dookimantii/ kitaabaa gargaaramuun funaanaman. Malli iddatteessuu qorannoo kanaas mala iddatteessuu miti carraa keessaa mala akkaayyootti dhimma baheera. Adeemsa qorannoon akkamtaa ittii qaaccef amu keessaa mala qaaccessa barruu gargaaramuun akkaataa walfakkeenya isaaniitiin walitti fiduun qaaccef amaniiru. Gama akkaataa (style) ilaalchisee walqabsiisonni, jechoonni afaan biroo, dabinsi seerlugaafi sagaleewwan walirraa hincinnee, malleen dubbiifi gosoonni suuressuu walaloowwan kanneen keessatti argaman isaan kam akka ta’an adda baafamanii qaaccef amuun ibsi itti kennameera. Gama ergaa walaloo ilaalchisees ergaan walaloowwan filataman kunneenii dhimmoota akkam akkamii irratti akka xiyyeef atan fakkeenya waliin adda baasuun ibsi itti kennameera. Adeemsa kana hordofuunis goolabni qorannoo kanaa: Gosoonni walqabsiisotaa walaloo kana keessatti argaman: walqabsiisota ogbarruufi seenawaa ta’uu, waloon jechoota guyyuu fayyadamnuun alatti karaa seera afaanii hin eegneen jechoota afaan biroo, dabinsa seerlugaafi sagaleewwan walirraa hincitne kan gargaarame ta’uu, akaakuun malleen dubbii walaloo kana keessatti mul’atanii iddeesaa,akkasaa, nameessuu, eemitii, habalaka, arbeessuu fi mallattummaa ta’uu; suuressuuwwan qorannoo kana keessatti argamanis suuressuu argee, dhageettii, fuunfannaa, sochiifi keessoo qaamaa ta’uu; Ergaan walaloowwan filataman kunneenii dhimmoota dinagdee, siyaasaa, hawaasummaa,aadaafi amantii irratti kan xiyyeef atu ta’uu kan agarsiis en_US
dc.title Qaaccessa Akkaataa Fi Ergaa Walaloowwan Zalaalam Abarraa Filataman Keessatti en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account