Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Qabiyyeefi Unka Weedduu Durbaa Godina Bunnoo Beddellee

Show simple item record

dc.contributor.author Qajeelaa Galataa Tuulii
dc.contributor.author Ashannaafii Balaay
dc.contributor.author Taakkalee Gammachuu
dc.date.accessioned 2022-03-10T07:58:44Z
dc.date.available 2022-03-10T07:58:44Z
dc.date.issued 2021-10-13
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/6670
dc.description.abstract Qorannoon kun mata duree “Xiinxala Qabiyyeefi Unka Weedduu Durbaa Godina Bunnoo Beddellee” jedhu irratti gaggeef ame yommuu ta’u, kaayyoon qorannoo kanaa qabiyyeefi unka weedduu durbaa xiinxaluu ta’ee, weedduu durbaa hawaasa aanaa Beddelleefi Gachii xiinxaliidhaaf akka madda ragaa tokkof aatti hawaasa Oromoo aanotii lamman keessaa akka odeefkennitootaatti filataman irraa odeef annoon funaanameera. Maddeen ragaa tokkof aa aanaa Beddelleefi Gachii keessaa iddattoowwan kan filataman yommuu ta’u, iddattoowwan kanneen filachuuf tooftaaleen iddatteessuu kaayyef ataafi malli iddatteessuu iyyaafannoo hojiirra ooleera. Iddattoowwan filataman kanneen irraa odeef annoon afgaaf ii caasef amaa, marii garee xiyyeef ataafi daawwannaatiin funaanaman akkaataa qabiyyeefi unka weedduu durbaatiin qoqqooduudhaan mala xiinxala ragaa akkamtaatiin xiinxalamaniiru. Adeemsa xiinxala ragaa keessatti yaadiddamoota bifiyyeefi tajaajilaa kan dhimmi bahame yommuu ta’u, qabiyyeewwan weedduu durbaa keessatti argamaniifi unkawwan afwalaloo weedduu durbaa keessatti dhimmootni ijoo ta’an ulaagaa kaa’ameen xiinxalamaniiru. Weedduu durbaa keessatti qabiyyeewwan argaman kan akka tuf ii, jaalalaafi atakaaroo kkf. yommuu ta’u, unki walaloo weedduu durbaa ulaagaalee kanneen akka buufata, birsaga, bo’oowwan, walunata sagaleewwanniifi safara walaloo irratti hundaahuun xiinxalame. Qorannoo taasifameen argannoowwan adda addaa kan dhiyaatan yommuu ta’u, buufatni walaloo weedduu durbaa irra jireessaan buufata baay’ee gaggabaabaa ta’eefi toora afur hincaalle irraa ijaaraman. Haata’u malee inni ol aanaan toora kudha tokko irraa kan ijaarame yommuu ta’u, buufanni toora torba irraa ijaarame hinjiru. Gosoonni afwalaloo weedduu durbaa sadan bakka itti unka walfakkaataa qaban akkuma jiru, bakki isaan unka walfakkaataa hinqabnes nijira. Haata’u malee, unka cufaa qabaachuun ammoo wal isaan fakkeessa. Baay’inni birsaga tokko tokkoo bo’oowwan keessatti argamu birsaga 6-8 hincaalu. Dabalataan weedduun durbaa yeroo ammaa kanatti sadarkaa dagatamuu irra gahee jira. Kanaafuu, qorannoon dabalataa weedduu durbaa irratti gaggeef amuu akka qabuufi aadaa kana tifkachuun barbaachisaa en_US
dc.title Xiinxala Qabiyyeefi Unka Weedduu Durbaa Godina Bunnoo Beddellee en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account