Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Guutummaa Fi Sirrummaa Lat-Horsaa: Kitaabilee Seerluga Afaan Oromoo Filataman Keessatti

Show simple item record

dc.contributor.author Alamnawtiin, Geetinnat
dc.contributor.author Geetinnat, Alamnaw
dc.contributor.author Tashoomaa, Balaaynaa
dc.contributor.author Alamituu, Olii
dc.date.accessioned 2023-03-01T08:12:11Z
dc.date.available 2023-03-01T08:12:11Z
dc.date.issued 2022-08
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7948
dc.description.abstract Qorannoon kun mataduree’Xiinxala guutummaa fi sirrummaa lat-horsaa:kitaabilee seerluga Afaan Oromoo filataman keessatti'jedhurratti geggeeffame.Qoraticha wantoonni kakaasan kitaabilee seerlugaa filataman keessatti hanqinaalee arguu isaa,qorannooleen mata duree kanaan walqabatan bal’inaan kitaabilee seerlugaarratti kan hingaggeeffamne ta’uusaa fi qorannoolee kitaabilee barnootaa irratti gaggeeffameen argannooleen bira gahaman haala dhiyeenya qabiyyee dhamjechoota hirkatoo irratti hanqinni akka jiru agarsiisuu isaaniiti. Kaayyoon qorannichaa qabiyyee latorsoota kitaabilee seerluga Afaan Oromoo filataman keessatti dhiyaatan adda baasuu, sirrummaa, fi guutummaa latorsoota dhiyaatanii xiinxaluun ciminaaleef hanqinaalee jiranu adda baasuudhaan qaaccessee dhiyeessuu ta’a.Qorannichi kitaabilee seerluga Afaan Oromoo‘Furtuu’(2019)max.6ffaa‘Natoo’(2012)max.2ffaa, ‘Gadaa’ (2012) max.3ffaa fi ‘Saaqaa’(2021) max.16ffaa, mata duree‘xiinxala lat-horsaa’ jedhurratti daanga’a.Qorannoo kana irraa qopheessitoonni kitaabilee seerlugaa,barsiisoonni Afaan Oromoof barattoonni kitaabilee kana fayyadaman, akkasumas, namoonni kanaan booda qorannoo mata duree kanaan walfakkaatu irratti hojjetanu fayyadamoo ta’u jedhamee amanama.Qorannicha keessatti,sakatta’i barruulee, yaadrimeen latorsaa,yaadiddamni qorannichaa fi qorannooleen walfakii sakatta’amanii dhiyaataniiru.Qorannichi yaaxxina caasessaa bu’uura godhachuudhaan, latorsa kitaabilee seerlugaa filataman keessatti tajaajila, iddoo galumsaa fi uunkaa isaaniitiin xiinxalee dhiyeesseera.Saxaxni qorannichaa ibsaa yemmuu ta’u,mala sakatta’a dokimantiitiin cheekliistii fayyadamuudhaan ragaaleen sassaabaman boqonnaa 4ffaa keessatti qaacceffamaniiru. Xiinxala gaggeeffameenis kitaabilee filataman keessatti lat-horsoonni dhiyaatani fi hindhiyaanne adda bahaniiru.Lat-horsoonni dhiyaatan immoo sirrummaa fi guutummaa qabaachuuf qabachuu dhiisuuni fi ciminaaleef hanqinaaleen ijoo ta’an adda bahaniiru xiinxalamaniiru.Haaluma kanaan,akaakuleen lahorsaa tasuma hindhiyaanne kan jiru ta’uusaa,lat-horsoonni kitaabilee arfanuu keessatti dhiyaatan rakkoo guutummaa,rakkoo sirrummaa darbee darbee qabaachuu isaanii ,akkasumas, lat-horsi fi akaakuuleen isaa akka mata duree tokkootti of danda’anii dhiyaachuu hafuu,fi lat-horsi dhamjecha hirkataa ta’ee osoo jiruu ‘dhamjecha’ jedhamuun isaa dogoggora akka ta’e bira gahameera.Dhumarratti hanqinaalee mul’ataniif yaanni furmaataa kennamee qorannichi goolabameera. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Guutummaa Fi Sirrummaa Lat-Horsaa: Kitaabilee Seerluga Afaan Oromoo Filataman Keessatti en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account