Jimma University Open access Institutional Repository

Adeemsa Sirna Ayyaana Hulluuqqii: Maatiifi Waatii Jahan Noonnoo

Show simple item record

dc.contributor.author Nabiyaat, Balaayiin
dc.contributor.author Tarrafaa, Mitikkuu
dc.contributor.author Kaamil, Mahaammad
dc.date.accessioned 2023-12-18T07:50:22Z
dc.date.available 2023-12-18T07:50:22Z
dc.date.issued 2015-06
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/8968
dc.description.abstract Dhimmii qorannoo kanaa adeemsa sirna kabaja ayyaana hulluuqqii maatiifi waatii Jahan Noonnooti. Kaayyoon isaa adeemsa sirna kabaja ayyaana hulluuqqii maatiifi waatii Jahan Noonnoo xiinxaluudha. Mala qorannoo akkamtaatu kaayyoo kanaafis gumaache. Ragaan qorannoo kanaa gaaffii afaaniifi marii garee fayyadamuun jaarsoolii akka Oromoo Jahan Noonnootti beekamaa ta’an irraa funaanname. Ragaaleen qorannichaa yaadiddama xiin-mallattoofi faayideessummaa deeggaramuudhaan qaaccessamaniiru. Kunis, ragaalee gaaffii afaaniifi marii gareen argaman akkaataa walfakkeenya isaanitiin walitti fiduufi qindeessuun ibsuun malleen adeemsa sirna kabaja ayyaana hulluuqqii keessatti itti dhimma bahaman isaan kam akka ta’an adda bahaniiru.Adeemsa kana hordofuun bu’aan/argannoon qorannoo kanaan argaman: ayyaanni hulluuqqii maatiifi waatii Jahan Noonnoo adeemsa gurguddoo sadii keessa darbuun akka ayyaaneffatamuufi isaanis haal-duree ayyaanichaa, yeroo ayyaaneffannaafi erga ayyaaneffatamee booda jedhamuun qoqqoodamee tarreeffamee jira. Akkasumas, adeemsi sirna ayyaana hulluqqii maatiifi waatii Jahan Noonnoo waggaa keessatti si’a tokko ji’a Fulbaanaa keessa akka kabajamuufi sababni ayyaanichi kabajamuufis ibsamee jira. Dabalataanis, ayyaanichii faayiidaa akkamii ummatichaaf akka qabu fi bu’aa maalii akka buusu xiinxalameera. Kana malees, ayyaana kana ayyaaneffachuuf gochoonnii sirna kabaja ayyaana kana keessatti bifa adda addaan mullatan hiika isaan qabaniifi raawwileen raawwataman hundi isaanii ergaa mataasaanii qabu. Falaasama hawaasichaa kan mul’isu, hariiroo hawaasaa cimsu, safuufi aadaa hawaasichaa barsiisuufi muuxxannoon dhaloota darbee dhaloota si’anaa dhaalchisuurratti gahee olaanaa akka qaban ibsameera. Walumaa galatti, sirni ayyaana hulluuqqii Oromoo Jahan Noonnoo biratti gaggeeffamu hariiroo hawaasaa cimsuuf diinagdeefi hawaasummaa guddisuuf, aadaa hawaasaa kunuunsuuf shoora ol’aanaa waan qabuuf Waajjirri Aadaafi Turiizimii Aanaa Noonnoo Beenjaa osoo dookmatariiwwan adda addaa irratti qopheessuun galmeessee kaa’ee kan jedhu yaanni furmaataa kaa’aameera. en_US
dc.language.iso en_US en_US
dc.title Adeemsa Sirna Ayyaana Hulluuqqii: Maatiifi Waatii Jahan Noonnoo en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account