Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala dogongora qubeessuu jechoota ergisaa Barjaalee afaan oromoon barreeffaman magaalaa Adaamaa keessatti

Show simple item record

dc.contributor.author Hayilee Nagaasaatiin
dc.date.accessioned 2025-10-15T10:18:50Z
dc.date.available 2025-10-15T10:18:50Z
dc.date.issued 2004-11
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/9940
dc.description.abstract Qorannoon kun xiinxala akaakuu dogongora qubeessuu jechoota ergisaabarjaalee Afaan Oromoon barreeffaman Magaalaa Adaamaa keessatti mul’atan keessaa kanneen guddina ogbarruu Afaan Oromoorratti dhiibbaa fidanirratti xiyyeeffachuudhaan kan geggeeffameedha. Jechoonni ergisaa barjaaleerratti dogoggoraan Afaan Oromoon barreeffamanii jiran namoota seerluga Afaan Oromoo hinbeekne biratti akka waan sirrii ta’aniitti fudhatamuun dogoggorichi akka babal’atu taasisaa jiru. Gama barreeffama ogbarruu Afaan Oromootiin yoo ilaalles gufuu guddaa ta’uunsaanii beekamaadha.Kanaafuu, qorataan qorannoo kanaa muuxannoo qaburraa ka’uun jalqaba rakkooleen gama qulqullinaafi fayyadama afaaniitiin mul’atan maal akka ta’an addaan baasuun maddi rakkoolee kanneenii maal akka ta’e addaan baasuuf qorannoo kana geggeessie. Bu’uuruma kanaan sadarkaa dogongora barreeffamoota barjaaleerratti mul’atan keessaa kanneen guddina ogbarruu Afaan Oromoorratti dhiibbaa fidan xiinxaluuf qorataan mala qorannoo qulqulleeffataatti dhimma baahe. Odeeffannoon qorannoo kanaaf barbaachisu daawwannaafi af-gaaffiitti gargaaramuun walitti qabame. Odeeffannoon sassaabamanis haala walitti dhufeenya qabaniin qindaa’uun xiinxalaman. Bifuma kanaan, dogoggora qubeessuu jechoota ergisaa barjaalee Afaan Oromoon barreeffaman caasaa barreeffamaa Afaan Oromoo (dogoggora dubbifamaa seeraan ala jabeessuufi laaffisuu, dubbachiistuu seeraan ala dheeressuufi gabaabsuu, dogoggora irrabutaa, dogoggora qubee Afaan Oromoo addaan baasuu dhabuu) bal’inaan akka mul’atu bu’aan qorannichaa agarsiiseera.Maddi dogoggora kanneeniis Afaan Oromoorratti beekumsa ga’aa dhabuufi dhiibbaa beekumsa caasaa afaan biroof Afaan Ingilizii) xiyyeeffannaa kennuufii dhabuudha. Rakkoolee kana furuuf, ga’umsa Afaan Oromoo barreessitoota beeksisa barjaaleerraa cimsuu, waajjiroota dhimmi kun ilaallatuuf muuxannoo hawaasa barjaalee kana dhaabbatan sanaa gama Afaan Oromoon cimsuu, Ogeeyyiin Afaan Oromoon leenji'an gita hojii kanarratti heyyama baafatanii hojjetan jiraachuu qabu. Miidiyaaleen garagaraa dhimma kanarratti xiyyeeffannoo kennuun hojjechuu qabu. en_US
dc.language.iso en_US en_US
dc.title Xiinxala dogongora qubeessuu jechoota ergisaa Barjaalee afaan oromoon barreeffaman magaalaa Adaamaa keessatti en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account