Abstract:
Qorannoon kun xiinxala ergaa walaloowwan kitaaba “Mootii Qubee fi Kumee Kumaatamaa”
jedhamu irratti gaggeeffame. Kaayyoon qorannoo kanaas ergaawwan kitaaba walaloowwan
filatamanii kallattii hedduun ergaa isaan keessatti argaman adda baasuun xiinxalee
dhiyeesseera.Milkaa’inni kaayyoo kanaafis mala qorannoo akkamtaatti gargaaramuun
adeemsifame.Mala kana keessattis ibsa akkamtaa gargaaramuun sakatta’a dookimeentii
gochuun xiinxalli ragaa adeemsifameera.Qorannichi mala waloon ittiin gargaaramee ergaa
walaloo
dabarse
ilaaleera.Akkasumas
qorannoonkun
ija
yaaxxina
hwaasummaa
bu’uureffachuudhaan gaggeeffameera.Maddi raga qorannichaa madda raga tokkoffaadha.
Kanaafuu argannoon qorannichaa barreessaan walaloo kanaa kalaqa isaa dabarsan uummanni
Oromoo haala jiruu fi isaanii keessatti walitti dhufeenya cimaa kan qaban ta’uu kan qaban
hunda waliin tikfachuu fi qooddachuu ta’uu bira ga’amee jira.Kana waan ta’eef ergaa kallattii
gama aadaa,siyaasaa,seenaa fi kanneen biro jiraachuu xiinxaleera.Xumura irratti ergaan
kuusaa walaloo kitaaba filatamee dhaamsi inni dabarsu uummanni Oromoo gamtaa cimaa
qabuu fi kan qabu hunda walii qooduu akkasumas cimee eeguun labata dhufuuf dabarsuu akka
qabaatu hubatameera.