Abstract:
Qorannoon kun mata duree“Qaaccessa dhiyaannaa gilgaala jechootaa kitaaba baratttootaa Afaan
Oromoo kutaa 10ffaa” irratti xiyyeffata. Kaayyoon gooroon qorannoo kanaa dhiyaannaa gilgaala
jechaa kitaaba Afaan Oromoo kutaa 10ffaa i qaaccessuudha. Qorannoo kana keessatti uwwisni
gilgaalota jechootaa maal fakkaata. Gilgaalonni jechaa, haala kamiin dhiyaatan, Qabiyyeen gilgaala
jechootaa dhiyaate kam fa’i. Gilgaalonni jechaa dhiyaatan hanqina maal qabuun qaacceffameera
.Kaayyoo kana galmaan ga’uufis mala qorannoo qulqulleeffataatti gargaarameera. Mala qorannoo
kanaatti gargaaramee ragaalee qorannicha milkeessuuf gargaaran kitaabicha gad fageenyaan
dubbisee sakatta’e saxaxa qorannoo ibsaatti gargaaramee qaaccesseeira. Funaansa ragaa kanaatiifis
kibaata Afaan Oromoo kutaa 10ffaa iddattoo kaayyeffataadhaan iddatteeffadheera. Iddattoowwan
kanneen irraa ragaa walitti qabuuf ammo meeshaalee funaansa ragaa sakatta’a dookimantiitti
dhiamma baheera. Ragaan argame mala qorannoo qulqulleeffataa qaacceffamee, ibsameera. Ragaan
sakatta’insa kitaabaa barattoota irraa argame mala akkamtaatiin qaaccesseera .Ragaa mala
akkamtaa hordofuun funaaname mala qorannoo akkamtaatiin ibsame ibsiifi hiika gahaan jechaan itti
kenneera. Ragaa kana irraas bu’aan qorannoo argame dhihaannaan gosa gilgaalota jechootaa
kitaaba Afaan Oromoo kutaa 10ffaa hanqina qabaachuu isaati. Hanqinoonni adda ba’anis,
gilgaalonni jechootaa kitaaba kana keessa jiran xiyyeeffannoo kan hin argatin ta’uu irraa, uwwisa
ilaalchisee kaayyoo fi qajeelfamni shaakala qabiyyee jechaa kan wal hin simne,qabiyyeen gilgaalota
jechaa dhiyaatan,walitti fufiinsaan kan hin dhiyaanne,sadarkaa barattoota daree Sanaa waliin kan
wal hin simne ga’aafi qabiyyee gaaffii adda addaatiin kan hin dhiyaatin ta’uun argamee
jira..Gilgaalotni dhihaatan jechootaaf xiyyeeffannoo bal’aa kan hin kennine ta’uu isaa qorataan
qorannoo kanaan ifa godheera. Kana malees, jechoota saaphaneessuu irrattiis hanqinni mul’ateera
.Jechootni kitaaba kana keessaa barattoota haala gaariin hirmaachisuun jechootaa dammaqinaan
akka baratan kan taasisu miti. Kanaafuu, qopheessitonni kitaabilee kanneeniifi qaamni dhimmichi
isaan ilaallatu hunduu dhihaannaan gilgaalota jechootaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa
10ffaa qabiyyeen gilgaala
jechootaa dhiyaatani sadarkaa barattoota kanaatiin walgitanii akka
dhiyaataniifi hariiroo jechoonni dandeettiwwan afaanii hunda gabbisuu irratti qaban fooyyessanii
dhiyeessuuf xiyyeeffannoon hojjechuun dhimma barbaachisaa ta’uun bu’aa qorannoo kanaa irraa
ka’ee qorataan eerera.