Jimma University Open access Institutional Repository

Qaaccessa Dhiyaannaa Gilgaalota Jechootaa Kitaaba Barnoota Afaan Oromoo: Kutaa 10ffaa

Show simple item record

dc.contributor.author Qajeelaa Magarsaatiin
dc.contributor.author Tashoomaa Balaayinaa
dc.contributor.author Namarraa Kabbadaa
dc.date.accessioned 2025-11-07T08:02:23Z
dc.date.available 2025-11-07T08:02:23Z
dc.date.issued 2024-08-27
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/10069
dc.description.abstract Qorannoon kun mata duree“Qaaccessa dhiyaannaa gilgaala jechootaa kitaaba baratttootaa Afaan Oromoo kutaa 10ffaa” irratti xiyyeffata. Kaayyoon gooroon qorannoo kanaa dhiyaannaa gilgaala jechaa kitaaba Afaan Oromoo kutaa 10ffaa i qaaccessuudha. Qorannoo kana keessatti uwwisni gilgaalota jechootaa maal fakkaata. Gilgaalonni jechaa, haala kamiin dhiyaatan, Qabiyyeen gilgaala jechootaa dhiyaate kam fa’i. Gilgaalonni jechaa dhiyaatan hanqina maal qabuun qaacceffameera .Kaayyoo kana galmaan ga’uufis mala qorannoo qulqulleeffataatti gargaarameera. Mala qorannoo kanaatti gargaaramee ragaalee qorannicha milkeessuuf gargaaran kitaabicha gad fageenyaan dubbisee sakatta’e saxaxa qorannoo ibsaatti gargaaramee qaaccesseeira. Funaansa ragaa kanaatiifis kibaata Afaan Oromoo kutaa 10ffaa iddattoo kaayyeffataadhaan iddatteeffadheera. Iddattoowwan kanneen irraa ragaa walitti qabuuf ammo meeshaalee funaansa ragaa sakatta’a dookimantiitti dhiamma baheera. Ragaan argame mala qorannoo qulqulleeffataa qaacceffamee, ibsameera. Ragaan sakatta’insa kitaabaa barattoota irraa argame mala akkamtaatiin qaaccesseera .Ragaa mala akkamtaa hordofuun funaaname mala qorannoo akkamtaatiin ibsame ibsiifi hiika gahaan jechaan itti kenneera. Ragaa kana irraas bu’aan qorannoo argame dhihaannaan gosa gilgaalota jechootaa kitaaba Afaan Oromoo kutaa 10ffaa hanqina qabaachuu isaati. Hanqinoonni adda ba’anis, gilgaalonni jechootaa kitaaba kana keessa jiran xiyyeeffannoo kan hin argatin ta’uu irraa, uwwisa ilaalchisee kaayyoo fi qajeelfamni shaakala qabiyyee jechaa kan wal hin simne,qabiyyeen gilgaalota jechaa dhiyaatan,walitti fufiinsaan kan hin dhiyaanne,sadarkaa barattoota daree Sanaa waliin kan wal hin simne ga’aafi qabiyyee gaaffii adda addaatiin kan hin dhiyaatin ta’uun argamee jira..Gilgaalotni dhihaatan jechootaaf xiyyeeffannoo bal’aa kan hin kennine ta’uu isaa qorataan qorannoo kanaan ifa godheera. Kana malees, jechoota saaphaneessuu irrattiis hanqinni mul’ateera .Jechootni kitaaba kana keessaa barattoota haala gaariin hirmaachisuun jechootaa dammaqinaan akka baratan kan taasisu miti. Kanaafuu, qopheessitonni kitaabilee kanneeniifi qaamni dhimmichi isaan ilaallatu hunduu dhihaannaan gilgaalota jechootaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 10ffaa qabiyyeen gilgaala jechootaa dhiyaatani sadarkaa barattoota kanaatiin walgitanii akka dhiyaataniifi hariiroo jechoonni dandeettiwwan afaanii hunda gabbisuu irratti qaban fooyyessanii dhiyeessuuf xiyyeeffannoon hojjechuun dhimma barbaachisaa ta’uun bu’aa qorannoo kanaa irraa ka’ee qorataan eerera. en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Qaaccessa Dhiyaannaa Gilgaalota Jechootaa Kitaaba Barnoota Afaan Oromoo: Kutaa 10ffaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account