Abstract:
Qorannoon kun kan geggeeffame xiinxala ergaa sirboota Oromoo baroota 2021-2022tti bahan
haala walqabaatinsa siyaasa Oromoo irratti kan xiyyeeffatudha. Haaluma kanaan, qorannoon
kun kan xiyyeeffatu sirboota Nuti maal taanaa?, WalAgarraa, Gaafa Roorroo, Bulloo, Gumaa
Gurraachafi Saglii jedhaman jahan madda ragaa tokkooffaa taasifachuun kan geggeeffamedha.
Kaayyoon waliigalaa qorannoo kanaa, sirboota Oromoo baroota 2021-2022 filatamaan keessaa
ergaa isaanii haala walqabatiinsa siyaasa Oromoon xiinxaaluudha. Sirboonni filatamanii
qorannoon irratti geggeeffame kun mala iddatteessuu miti carraa keessaa mala iddatteessuu
kayyeeffataatti dhimma ba’e. Qorannoo kanaaf qorataan ragaan suur-sagalee yuutubii irraa
fudhachuun hordofuun odeeffannoowwan wal fakkaataan walitti qindeessee mala xiinxala ragaa
jiran
keessaa qabiyyee sirboota filatamanii xiinxaluun mala ibsaatiin ragaaleen
xiinxalalamaniiru. Yaadxinni qorannoon kun bu’uureeffate yaadxina hawaasummaa fi seenawaa
fayyadamuun, ergaan ijoo walaloo sirbaa haala siyaasa keessa jiru mul’isuun hiika isaa
xiinxaluuf dhimma itti bahameera. Xiinxala sirbaa haala walqabaatinsa siyaasa Oromoo irratti
geggeeffameen ergaan ijoo isaanii tokkummaa dhabuu, hidhaa, haqa dhabuu fi miidhaa
siyaasaa akka ta’e bu’aan qorannoo kanaa ni mul’isa. Ergaan ijoo miidhaama ummata Oromoo
qabiyyee walaloo sirba kana keessatti qorannoo kanaan argaman, reebicha, hidhuufi darraruu,
qaama hir’isuu, ajjeechaa, himannaa sobaa fi ragaa sobaan murtii kennuu, barnoota irraa
ari’uu, sodaachisuu, dorsisuu,saamicha lafaa fi lafa irra buqqisuun, isaan gurguddoodha.
Miidhaa fi dhiibbaan ummata Oromoo irra karaa siyaasaa irra gahaa jiru jala bahuuf, kutaa fi
amantiidhaan osoo wal hin qoodin tokkummaa isaa cimsee falmii geggeessuun mirga abbaa
biyyummaa isaa mirkaneffachuu akka qabu ergaan ijoo walaloo sirboota kanaa bal’inaan ni
mul’isu. Akka waliigalaa walaloo sirba weellistoota kanaan miidhaa fi darraraa
karaa
siyaasaa, sirnoota darbanii fi sirna mootummaa kana keessatti gahaa jiru jijjiiruuf, hubannoo
ummataa uumuu fi kakaasuu keessatti gahee salphaa taphachaa hin turre. Xumurarratti gaheen
sirba weellistoota Oromoon weellifaman qabsoo ummata Oromoo keessatti qaban qabiyyeen
isaanii xiinxalamee barreeffaman dhaloota dhufuuf dabarsuu barsiisuuf gara fuula duraatti
xiyyeeffannaan
itti
kennamee
osoo
qoratamee
gaariidha.