Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Ergaa Sirboota Oromoo Baroota 2021-2022tti Bahan: Haala Walqabaatinsa Siyaasa Oromootiin

Show simple item record

dc.contributor.author Taarikuu Dhinsaa Jabeessaa
dc.contributor.author Taayyee Guddataa
dc.contributor.author Abdusalaam Abbaa Olii
dc.date.accessioned 2026-03-04T07:19:33Z
dc.date.available 2026-03-04T07:19:33Z
dc.date.issued 2024-09-11
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/10189
dc.description.abstract Qorannoon kun kan geggeeffame xiinxala ergaa sirboota Oromoo baroota 2021-2022tti bahan haala walqabaatinsa siyaasa Oromoo irratti kan xiyyeeffatudha. Haaluma kanaan, qorannoon kun kan xiyyeeffatu sirboota Nuti maal taanaa?, WalAgarraa, Gaafa Roorroo, Bulloo, Gumaa Gurraachafi Saglii jedhaman jahan madda ragaa tokkooffaa taasifachuun kan geggeeffamedha. Kaayyoon waliigalaa qorannoo kanaa, sirboota Oromoo baroota 2021-2022 filatamaan keessaa ergaa isaanii haala walqabatiinsa siyaasa Oromoon xiinxaaluudha. Sirboonni filatamanii qorannoon irratti geggeeffame kun mala iddatteessuu miti carraa keessaa mala iddatteessuu kayyeeffataatti dhimma ba’e. Qorannoo kanaaf qorataan ragaan suur-sagalee yuutubii irraa fudhachuun hordofuun odeeffannoowwan wal fakkaataan walitti qindeessee mala xiinxala ragaa jiran keessaa qabiyyee sirboota filatamanii xiinxaluun mala ibsaatiin ragaaleen xiinxalalamaniiru. Yaadxinni qorannoon kun bu’uureeffate yaadxina hawaasummaa fi seenawaa fayyadamuun, ergaan ijoo walaloo sirbaa haala siyaasa keessa jiru mul’isuun hiika isaa xiinxaluuf dhimma itti bahameera. Xiinxala sirbaa haala walqabaatinsa siyaasa Oromoo irratti geggeeffameen ergaan ijoo isaanii tokkummaa dhabuu, hidhaa, haqa dhabuu fi miidhaa siyaasaa akka ta’e bu’aan qorannoo kanaa ni mul’isa. Ergaan ijoo miidhaama ummata Oromoo qabiyyee walaloo sirba kana keessatti qorannoo kanaan argaman, reebicha, hidhuufi darraruu, qaama hir’isuu, ajjeechaa, himannaa sobaa fi ragaa sobaan murtii kennuu, barnoota irraa ari’uu, sodaachisuu, dorsisuu,saamicha lafaa fi lafa irra buqqisuun, isaan gurguddoodha. Miidhaa fi dhiibbaan ummata Oromoo irra karaa siyaasaa irra gahaa jiru jala bahuuf, kutaa fi amantiidhaan osoo wal hin qoodin tokkummaa isaa cimsee falmii geggeessuun mirga abbaa biyyummaa isaa mirkaneffachuu akka qabu ergaan ijoo walaloo sirboota kanaa bal’inaan ni mul’isu. Akka waliigalaa walaloo sirba weellistoota kanaan miidhaa fi darraraa karaa siyaasaa, sirnoota darbanii fi sirna mootummaa kana keessatti gahaa jiru jijjiiruuf, hubannoo ummataa uumuu fi kakaasuu keessatti gahee salphaa taphachaa hin turre. Xumurarratti gaheen sirba weellistoota Oromoon weellifaman qabsoo ummata Oromoo keessatti qaban qabiyyeen isaanii xiinxalamee barreeffaman dhaloota dhufuuf dabarsuu barsiisuuf gara fuula duraatti xiyyeeffannaan itti kennamee osoo qoratamee gaariidha. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Ergaa Sirboota Oromoo Baroota 2021-2022tti Bahan: Haala Walqabaatinsa Siyaasa Oromootiin en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account