Abstract:
Qorannoon kun kan gaggeeffame Godina Jimmaa Aanaa Maannaa mana barumsaa Yabbuu
sadarkaa 2ffaa lakkoofsa 1 irrattidha. Kaayyoon qorannoo kana dandeettii keeyyata barreessuu
barattoota kutaa 11ffaa xiinxaluudha. Saxaxni qorannichi itti gaggeeffame saxaxa qorannoo
ibsaadha. Baay’ina barattootaa 458 keessaa dhiirota 33 fi dubartoota 35 mala iddattoo carraa
keessaa iddatteessuu carraa bifa tasaatiin barattoonni 68 (jaahatamii saddeet) filatamanii
odeeffannoon irraa sassabameera. Kanamalees, mala iddatteessuu miti carraan filatamani
barsiisota Afaan Oromoo kutaa 11ffaa barsiisaan 2 (lamaa) fi I/G Muummee Afaanii 1(tokko)
irraa odeeffannoon sassabamee jira. Walumagalatti iddattoo 71(torbaatamii tokko) irraa
odeeffannoon funaanamuun qorannoon kun gaggeeffameera. Meeshaalee ragaaleen ittiin
funanaame af-gaaffii, bar-gaaffii, daawwannaafi qormaata barreeffamaan barattootaaf kennuun
funaaname. Odeeffannoon af-gaaffii irraa walitti qabameefi bar-gaaffii cufaafi banaa irraa
odeeffannoo argame mala akkamtaa kan xiinxalame yoo ta’u, odeeffannoo bifa lakkoofsa
qabuun argame immoo, mala hammamtaa kan xiinxalamedha. Argannoon argames sirna
tuqaaleefi qubguddeessa bakka hinbarbaachisnetti fayyadamuufi barreeffama isaanii keessatti
amaloota keeyyata gaarii guutanii kan hinbarreessine ta’uufi gumee qopheessuun gara
barreessuutti seenuu kan hin dandeenye ta’uuf walqabsiistotatti fayyadamuu dhiisuufi filannoo
jechootaa eeganii kan hin barreessine yommuu ta’u, barsiisonni akka isaan keeyyata barreessan
kan hin shaakalsiisne ta’uu, barnoota isaanii sadarkaa 1ffaa keessatti kan Afaan Oromoo
barsiisuu nama Afaan Oromootiin hinleenjine ta’uu, barattoonni hordoffii dhabuufi wayitiin
gosa barnoota kanaaf ramadame gahaa ta’uu dhabuufi barsiisonni barattoota keeyyata
barreessisuu irratti xiyyeeffannoo kan hin kennine ta’uu argannoon mul’ateera. Argannoo kana
bu’uureffachuun yaanni furmaataa akka itti aanutti ka’ame jira. Barsiisonni yeroo waa’ee
keeyyataa barsiisan ibsanii darbuu dhiisanii akka isaan barreessan osoo taasisanii, itti
fayyadama sirna tuqaalee barreeffama keessatti iddoo qubguddeessi itti barreeffamu, qubeessuu,
seerlugaafi himoonni akkamitti akka qindaa’anii keeyyata gaarii barreessan osoo sirriitti
hubachiisani. Kana malees, barsiisonni xiyyeeffannoon keeyyata barreesssuu barattoota osoo
shaakalchisanii, wayitiin gosa barnoota Afaan Oromootiif ramadames osoo fooyya’ee
barattoota keeyyata barreessuu irra deddeebiin osoo shaakalanii jechuun qorannoon kun
xumurame.