Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Dandeettii Afaan Oromootiin Keeyyata Barreessuu Barattoota Kutaa 11ffaa Mana Barumsaa Yabbuu Sadarkaa 2ffaa Lakk. 1

Show simple item record

dc.contributor.author Alamituu Ayyalaa Mirkanaa
dc.contributor.author Cimdii Waaqumaa
dc.date.accessioned 2026-03-04T07:44:39Z
dc.date.available 2026-03-04T07:44:39Z
dc.date.issued 2025-08-11
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/10193
dc.description.abstract Qorannoon kun kan gaggeeffame Godina Jimmaa Aanaa Maannaa mana barumsaa Yabbuu sadarkaa 2ffaa lakkoofsa 1 irrattidha. Kaayyoon qorannoo kana dandeettii keeyyata barreessuu barattoota kutaa 11ffaa xiinxaluudha. Saxaxni qorannichi itti gaggeeffame saxaxa qorannoo ibsaadha. Baay’ina barattootaa 458 keessaa dhiirota 33 fi dubartoota 35 mala iddattoo carraa keessaa iddatteessuu carraa bifa tasaatiin barattoonni 68 (jaahatamii saddeet) filatamanii odeeffannoon irraa sassabameera. Kanamalees, mala iddatteessuu miti carraan filatamani barsiisota Afaan Oromoo kutaa 11ffaa barsiisaan 2 (lamaa) fi I/G Muummee Afaanii 1(tokko) irraa odeeffannoon sassabamee jira. Walumagalatti iddattoo 71(torbaatamii tokko) irraa odeeffannoon funaanamuun qorannoon kun gaggeeffameera. Meeshaalee ragaaleen ittiin funanaame af-gaaffii, bar-gaaffii, daawwannaafi qormaata barreeffamaan barattootaaf kennuun funaaname. Odeeffannoon af-gaaffii irraa walitti qabameefi bar-gaaffii cufaafi banaa irraa odeeffannoo argame mala akkamtaa kan xiinxalame yoo ta’u, odeeffannoo bifa lakkoofsa qabuun argame immoo, mala hammamtaa kan xiinxalamedha. Argannoon argames sirna tuqaaleefi qubguddeessa bakka hinbarbaachisnetti fayyadamuufi barreeffama isaanii keessatti amaloota keeyyata gaarii guutanii kan hinbarreessine ta’uufi gumee qopheessuun gara barreessuutti seenuu kan hin dandeenye ta’uuf walqabsiistotatti fayyadamuu dhiisuufi filannoo jechootaa eeganii kan hin barreessine yommuu ta’u, barsiisonni akka isaan keeyyata barreessan kan hin shaakalsiisne ta’uu, barnoota isaanii sadarkaa 1ffaa keessatti kan Afaan Oromoo barsiisuu nama Afaan Oromootiin hinleenjine ta’uu, barattoonni hordoffii dhabuufi wayitiin gosa barnoota kanaaf ramadame gahaa ta’uu dhabuufi barsiisonni barattoota keeyyata barreessisuu irratti xiyyeeffannoo kan hin kennine ta’uu argannoon mul’ateera. Argannoo kana bu’uureffachuun yaanni furmaataa akka itti aanutti ka’ame jira. Barsiisonni yeroo waa’ee keeyyataa barsiisan ibsanii darbuu dhiisanii akka isaan barreessan osoo taasisanii, itti fayyadama sirna tuqaalee barreeffama keessatti iddoo qubguddeessi itti barreeffamu, qubeessuu, seerlugaafi himoonni akkamitti akka qindaa’anii keeyyata gaarii barreessan osoo sirriitti hubachiisani. Kana malees, barsiisonni xiyyeeffannoon keeyyata barreesssuu barattoota osoo shaakalchisanii, wayitiin gosa barnoota Afaan Oromootiif ramadames osoo fooyya’ee barattoota keeyyata barreessuu irra deddeebiin osoo shaakalanii jechuun qorannoon kun xumurame. en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Xiinxala Dandeettii Afaan Oromootiin Keeyyata Barreessuu Barattoota Kutaa 11ffaa Mana Barumsaa Yabbuu Sadarkaa 2ffaa Lakk. 1 en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account