Abstract:
Qorannoon kun ergaa kitaaba walaloo „Wulwullee‟ keessatti argamuu xiinxaluu dha.
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas ,ergaa walaloo kitaaba‟Wulwullee‟jedhu xiinxaluu
yemmuu ta‟u ka‟umsi qorannoo kan gaggeessuf qorattuu kakaasee kilaaboolee walaloo
jiran keessaa qorannoowwan kitaaba walaloo xiinxala ergaa irratti kan gaggeeffamee
baay‟inaan waan hinjirreef kun immoo guddina ogbarruu oromoo duubatti hanbiisuu
danda‟a yaada jedhuu ka‟uumsa godhachuun gahee ishee baahatee jirtii,
Barbaachisummaan qorqnnoo kanaa: qaamoolee guddiina ogbarruu oromoo keessatti
qooda fudhataniifi oddeeffannoo dabalataa nikennaa, qorattoonni kitaaba walaloo
xiinxala ergaa irratti gaggeessaniif akka wabiitti gargaaramu nidanda‟u. Mallii qorannoo
dhimma bahamees mala qorannoo akkamtaa yemmuu ta‟u, malli xiinxala ragaa ammoo
addeessaadha. Ragaaleen qorannoo kanaaf tooftaa iddatteessuu kaayyeffataa kan ta‟e
mala miti-carraatiin walitti qabamuun kan xiinxalamaniidha. Walaloowwan filataman
Hariiroo hawaasa oromoo waliin kan qaban, ergaa adda addaa ofkeessaa qabaachu
isaani argannoo qorannoo kanaatiin adda baafamanii xiinxalamanii jiru. Ergaan walaloo
kanaa kallattii garaagaraatiin kan hawaasa tajaajilaa jiru ta‟u mula‟ate jira. kanneen
akka ilaalcha barreessaa, gama hawaasummaatiin, haala siyaasaatiin, dinagdee fa‟adha.
Dabalataanis; safuu hawaasni oromoo qabu , oolmaafi falaasama hawaasaa ergaawwan
ofkeessaa qaban kan dabarsudha.Argannoon xiinxala qorannoo kanaa Hawaasni oromoo
guddina fi qaroomiina biyya Itoophiyaaf qooda guddaa kan qabuufi Sirna Gadaan buluun
tokkumma sabootaaf bu‟aa guddaa akka qabu xiinxalamee jira, Gara fulduraafiis
kitaaboolee walaloo garaagaraa ergaasaa xiinxaluun hawaasa bira gahun barbaachisaa
akka ta‟e kan muil‟ise dha..