Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Ergaa Walaloo Kitaaba Wulwullee Keessatti

Show simple item record

dc.contributor.author Zabiibaa Kamaal
dc.contributor.author Rirsitee Akkawaaq
dc.contributor.author Soofiyaa Huseen
dc.date.accessioned 2026-03-05T07:51:04Z
dc.date.available 2026-03-05T07:51:04Z
dc.date.issued 2023-09-18
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/10195
dc.description.abstract Qorannoon kun ergaa kitaaba walaloo „Wulwullee‟ keessatti argamuu xiinxaluu dha. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas ,ergaa walaloo kitaaba‟Wulwullee‟jedhu xiinxaluu yemmuu ta‟u ka‟umsi qorannoo kan gaggeessuf qorattuu kakaasee kilaaboolee walaloo jiran keessaa qorannoowwan kitaaba walaloo xiinxala ergaa irratti kan gaggeeffamee baay‟inaan waan hinjirreef kun immoo guddina ogbarruu oromoo duubatti hanbiisuu danda‟a yaada jedhuu ka‟uumsa godhachuun gahee ishee baahatee jirtii, Barbaachisummaan qorqnnoo kanaa: qaamoolee guddiina ogbarruu oromoo keessatti qooda fudhataniifi oddeeffannoo dabalataa nikennaa, qorattoonni kitaaba walaloo xiinxala ergaa irratti gaggeessaniif akka wabiitti gargaaramu nidanda‟u. Mallii qorannoo dhimma bahamees mala qorannoo akkamtaa yemmuu ta‟u, malli xiinxala ragaa ammoo addeessaadha. Ragaaleen qorannoo kanaaf tooftaa iddatteessuu kaayyeffataa kan ta‟e mala miti-carraatiin walitti qabamuun kan xiinxalamaniidha. Walaloowwan filataman Hariiroo hawaasa oromoo waliin kan qaban, ergaa adda addaa ofkeessaa qabaachu isaani argannoo qorannoo kanaatiin adda baafamanii xiinxalamanii jiru. Ergaan walaloo kanaa kallattii garaagaraatiin kan hawaasa tajaajilaa jiru ta‟u mula‟ate jira. kanneen akka ilaalcha barreessaa, gama hawaasummaatiin, haala siyaasaatiin, dinagdee fa‟adha. Dabalataanis; safuu hawaasni oromoo qabu , oolmaafi falaasama hawaasaa ergaawwan ofkeessaa qaban kan dabarsudha.Argannoon xiinxala qorannoo kanaa Hawaasni oromoo guddina fi qaroomiina biyya Itoophiyaaf qooda guddaa kan qabuufi Sirna Gadaan buluun tokkumma sabootaaf bu‟aa guddaa akka qabu xiinxalamee jira, Gara fulduraafiis kitaaboolee walaloo garaagaraa ergaasaa xiinxaluun hawaasa bira gahun barbaachisaa akka ta‟e kan muil‟ise dha.. en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Xiinxala Ergaa Walaloo Kitaaba Wulwullee Keessatti en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account