Abstract:
Qorannoon kun qeeqa asoosama dheeraa 'Imimmaan Haadhaa' Ija Yaadxina seenawaan jedhu
irratti xiyyeeffata. Kaayyoon qorannoo kanaas asoosama filatame ija yaadxina seenawaan
qeequdha. Milkaa’ina kaayyoo kanaafis mala qorannoo akkamtaatti gargaaramuun
adeemsifame. Mala kana keessattis ibsa akkamtaa (qualitative descreptive) gargaaramuun
sakkatta’a dookumentii gochuun qeeqameera. Akkasumas qorattuun asoosama filatame kana
akka madda raga tokkoffaatti kan dhimma itti baate yoo ta’u, asoosamicha mala idaattoo miti
carraa keessaa tooftaa iddatteessuu kaayyeffataatti gargaaramuun asoosama filatte kana
keessaa xiyyeefannoo qorannoo ishee irratti hundaa’uun raga madda qorannoo isheef ta’u
keessaa fudhachuun qeeqxeetti. Haaluma kanaan ciminnaafi hanqina qorannichaa adda basuun
bu'aa qorannoo kanaa argamsiisuun cinatti yaadotni furmaataas ka’amaniiru. Asoosammicha
keessatti dhimmootni dhiyaatan rakkoowwan haala jiruuf jireenya ummata Oromoo bara
asoosamichi keessatti barreeffamee irra gahaa ture bifa qeeqa seenawaan maal akka ta’aa ture
agarsiiseera. Hojiin asoosama tokko kallattiinis ta'e alkallattiin waa’ee jiruufi jireenya
hawaasicha bu'uura godhatee barreeffamee ergaa yookiin dhaamsa garaagaraa qabatee
dhihaata. Asoosama "Imimmaan Haadhaa "jedhu kana keessaattis dhimmoonni dhiyaatan
rakkoowwan haala jiruufi jireenya uummata Oromoorra bara kitaabichi barreeffame keessa irra
ga'aa ture bifa qeeqa seenawaan agarsiisuuf yaaleera. Bu'uuruma kanaan, haalli ijaarsa
asoosamichaa hawaasa bara asoosamichi keessatti barreeffamee gara tokkummaan qabsa’uun
gabrummaa ofirraa akka kaasaniif karaa agarsiiseera. Kana malees asoosamichi
garaaharummaa yaada hawaasicha gidduu jiru warra farra qabsichaan uumame xiqqeessuun
tokkummaa isaanii irratti akka xiyyeeffataniif asoosamichirrahubachuun danda’ameera.Dhuma
irrattis qorannoon qeeqa seenawaa asoosamoota biroo irratti osoo bal 'inaan geggefameefi
qorattooti biroos gosa qeeqa biroon asoosama kanarrati osoo gaggeessaffame bu’aan
asoosamicharraa argamu gaarii ta’a.