| dc.contributor.author | Raabiyaa Sharafuu | |
| dc.contributor.author | Taayyee Guddataa | |
| dc.contributor.author | Abdussalaam Abbaa Olii | |
| dc.date.accessioned | 2026-03-09T07:13:31Z | |
| dc.date.available | 2026-03-09T07:13:31Z | |
| dc.date.issued | 2024-08-18 | |
| dc.identifier.uri | https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/10206 | |
| dc.description.abstract | Qorannoon kun qeeqa asoosama dheeraa 'Imimmaan Haadhaa' Ija Yaadxina seenawaan jedhu irratti xiyyeeffata. Kaayyoon qorannoo kanaas asoosama filatame ija yaadxina seenawaan qeequdha. Milkaa’ina kaayyoo kanaafis mala qorannoo akkamtaatti gargaaramuun adeemsifame. Mala kana keessattis ibsa akkamtaa (qualitative descreptive) gargaaramuun sakkatta’a dookumentii gochuun qeeqameera. Akkasumas qorattuun asoosama filatame kana akka madda raga tokkoffaatti kan dhimma itti baate yoo ta’u, asoosamicha mala idaattoo miti carraa keessaa tooftaa iddatteessuu kaayyeffataatti gargaaramuun asoosama filatte kana keessaa xiyyeefannoo qorannoo ishee irratti hundaa’uun raga madda qorannoo isheef ta’u keessaa fudhachuun qeeqxeetti. Haaluma kanaan ciminnaafi hanqina qorannichaa adda basuun bu'aa qorannoo kanaa argamsiisuun cinatti yaadotni furmaataas ka’amaniiru. Asoosammicha keessatti dhimmootni dhiyaatan rakkoowwan haala jiruuf jireenya ummata Oromoo bara asoosamichi keessatti barreeffamee irra gahaa ture bifa qeeqa seenawaan maal akka ta’aa ture agarsiiseera. Hojiin asoosama tokko kallattiinis ta'e alkallattiin waa’ee jiruufi jireenya hawaasicha bu'uura godhatee barreeffamee ergaa yookiin dhaamsa garaagaraa qabatee dhihaata. Asoosama "Imimmaan Haadhaa "jedhu kana keessaattis dhimmoonni dhiyaatan rakkoowwan haala jiruufi jireenya uummata Oromoorra bara kitaabichi barreeffame keessa irra ga'aa ture bifa qeeqa seenawaan agarsiisuuf yaaleera. Bu'uuruma kanaan, haalli ijaarsa asoosamichaa hawaasa bara asoosamichi keessatti barreeffamee gara tokkummaan qabsa’uun gabrummaa ofirraa akka kaasaniif karaa agarsiiseera. Kana malees asoosamichi garaaharummaa yaada hawaasicha gidduu jiru warra farra qabsichaan uumame xiqqeessuun tokkummaa isaanii irratti akka xiyyeeffataniif asoosamichirrahubachuun danda’ameera.Dhuma irrattis qorannoon qeeqa seenawaa asoosamoota biroo irratti osoo bal 'inaan geggefameefi qorattooti biroos gosa qeeqa biroon asoosama kanarrati osoo gaggeessaffame bu’aan asoosamicharraa argamu gaarii ta’a. | en_US |
| dc.language.iso | other | en_US |
| dc.title | Qeeqaa Soosama Dheeraa Imimmaan Haadhaa Ija Yaadxina Seenawaan | en_US |
| dc.type | Thesis | en_US |