Abstract:
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa hojiirra oolmaa madaallii walitti fufaafi yaad-deebii barsiisonni
mana barnoota sadarkaa lammaffaa Saxoo Samarootti kutaa 10ffaa barnoota Afaan Oromoo barasiisan
daree barnootaa keessatti barattoota isaanii madaaluuf itti fayyadaman adda baasuudha. Kaayyoo
qorannoo kanaa galmaan ga’achuuf,qorattun ragaawwan qorannichaa funaanuuf mala qorannoo makoo
gargaaramtee jirti. Qorattuun manneen barnoota magaalaa jimmaatti argaman keessaa :Mana
Baruumsa Sadarkaa 2ffaa, Saxoo mala carraa filattee jirti.Odeeffannoo kennitoonni barsiisota 9,
barattoota 54 mala iddatteessuu hammargeefi mala iddatteessuu kaayyeffatan hirmaatanii jiru. Gama
meeshaa funaansa ragaatiin sakatta’a dookimentii, bargaaffii barsiisota qofaaf dhiyeesuufi afgaaffii
barsiisotaa, barattoota, dhiyeessuun ragaan funaaname hammamtaafi akkamtaan ragaan walitti qabame
addan qoodamuun xiinxalamee jira.Argannoon qorannoo kanaas,Yaad-deebiin madaallii walitti fufaa
barsiisota afaan oromoo mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Saxoo Samaroo kutaa 10ffaa barnoota Afaan
Oromoo barsiisan hojiirra oolmaan barnootaan boodaa barachuu hubachuufi madaallii barnootaarratti
kennamufi madaalliin barsiisuu qofaa ta’uunifi madaalliin akka barnootaatti barattoota ofdandeessisuuf
kennamu kan hin jirre ta’uun hubatameera. Danqaaleen madaallii Walitti Fufaa geggeessuufi yaad
deebii madaallii kennuu keessatti barsiisota quunnaman mana barnoota sadarkaa lammaffaa Saxoo
Samaroo kutaa10ffaa baayina barattootaafi yeroon barnootichaaf kennarraan kan ka’e barsiisan
barattoota dareetti dabarsu waan ta’eef hojiirra oolmaa madaallii walitti fufaa hubachuuf qofti hojiirra
kan oolu ta’uu xiinxallii godhameen hubatamee jira. Danqaalee barsiisota Afaan Oromoo kutaa 10ffaa
Mana Barumsichaa Quunnaman furuuf yaada furmaataa Barsiisonni mana barnootaa Saxoo Samaroo
kutaa 10ffaa Afaan Oromoo barsiisan, baayinni barattootaa xiqqatee haala seera qabeessaan madaallii
walitti fufaaf yaad-deebii kennuun, daree keessatti tooftaa af-gaaffii, hojii manaa kennuu, marii gareefi
battallee barreeffama gabaabaafi filannoo qofa baay’inaan kan fayyadaman waan ta’eef Daree
barnootaa keessatti barsiisonni barattoota isaanii osoo tooftaa adda addaati fayyadamuun madaalanii
yaad-deebii kennanii baayee gaarii taa.Yaad-deebiin madaallii walitti fufaa barsiisota afaan oromoo
mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Saxoo Samaroo kutaa 10ffaa barnoota Afaan Oromoo barsiisan
hojiirra oolmaan barnootaan boodaa barachuu hubachuufi madaallii barnootaarratti kennamufi
madaalliin barsiisuu qofaa ta’uu, kanaaf madaalliin barsiisonni daree keessatti itti gargaaraman yaad
deebiifi madaallii garaagaraa utuu hammatee filatamaadha. Danqaaleen madaallii walitti fufaa
geggeessuufi yaad-deebii madaallii kennuu keessatti barsiisota quunnaman mana barnoota sadarkaa
lammaffaa saxoo samaroo kutaa10ffaa baay’ina barattootaafi yeroon barnootichaaf kennarraan kan ka’e
barsiisan barattoota dabarsuufi sadarkeessuu waan ta’eef hojiirra oolmaa madaallii walitti fufaan qofti
hojiirra kan oolu ta’uu xiinxallamee jira. Kanaaf, Barsiisonni daree keessatti yoo bartoota isaanii qoran
osoo kaayyoo walfakkataadhaaf madaaluu baatanii filatamaadha.