Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Hojiirra Oolmaa Madaallii Walitti Fufaafi Yaad-Deebii Barsiisota Afaan Oromoo: Mana Barumsaa Saxoo Samaroo Sadarkaa 2ffaa Kutaa 10ffaa Bara 2016

Show simple item record

dc.contributor.author Aagituu Daggafaa
dc.contributor.author Tashoomaa Balaayinaa
dc.contributor.author Mahaadii Huseen
dc.date.accessioned 2026-03-10T07:45:55Z
dc.date.available 2026-03-10T07:45:55Z
dc.date.issued 2017-08-18
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/10218
dc.description.abstract Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa hojiirra oolmaa madaallii walitti fufaafi yaad-deebii barsiisonni mana barnoota sadarkaa lammaffaa Saxoo Samarootti kutaa 10ffaa barnoota Afaan Oromoo barasiisan daree barnootaa keessatti barattoota isaanii madaaluuf itti fayyadaman adda baasuudha. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga’achuuf,qorattun ragaawwan qorannichaa funaanuuf mala qorannoo makoo gargaaramtee jirti. Qorattuun manneen barnoota magaalaa jimmaatti argaman keessaa :Mana Baruumsa Sadarkaa 2ffaa, Saxoo mala carraa filattee jirti.Odeeffannoo kennitoonni barsiisota 9, barattoota 54 mala iddatteessuu hammargeefi mala iddatteessuu kaayyeffatan hirmaatanii jiru. Gama meeshaa funaansa ragaatiin sakatta’a dookimentii, bargaaffii barsiisota qofaaf dhiyeesuufi afgaaffii barsiisotaa, barattoota, dhiyeessuun ragaan funaaname hammamtaafi akkamtaan ragaan walitti qabame addan qoodamuun xiinxalamee jira.Argannoon qorannoo kanaas,Yaad-deebiin madaallii walitti fufaa barsiisota afaan oromoo mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Saxoo Samaroo kutaa 10ffaa barnoota Afaan Oromoo barsiisan hojiirra oolmaan barnootaan boodaa barachuu hubachuufi madaallii barnootaarratti kennamufi madaalliin barsiisuu qofaa ta’uunifi madaalliin akka barnootaatti barattoota ofdandeessisuuf kennamu kan hin jirre ta’uun hubatameera. Danqaaleen madaallii Walitti Fufaa geggeessuufi yaad deebii madaallii kennuu keessatti barsiisota quunnaman mana barnoota sadarkaa lammaffaa Saxoo Samaroo kutaa10ffaa baayina barattootaafi yeroon barnootichaaf kennarraan kan ka’e barsiisan barattoota dareetti dabarsu waan ta’eef hojiirra oolmaa madaallii walitti fufaa hubachuuf qofti hojiirra kan oolu ta’uu xiinxallii godhameen hubatamee jira. Danqaalee barsiisota Afaan Oromoo kutaa 10ffaa Mana Barumsichaa Quunnaman furuuf yaada furmaataa Barsiisonni mana barnootaa Saxoo Samaroo kutaa 10ffaa Afaan Oromoo barsiisan, baayinni barattootaa xiqqatee haala seera qabeessaan madaallii walitti fufaaf yaad-deebii kennuun, daree keessatti tooftaa af-gaaffii, hojii manaa kennuu, marii gareefi battallee barreeffama gabaabaafi filannoo qofa baay’inaan kan fayyadaman waan ta’eef Daree barnootaa keessatti barsiisonni barattoota isaanii osoo tooftaa adda addaati fayyadamuun madaalanii yaad-deebii kennanii baayee gaarii taa.Yaad-deebiin madaallii walitti fufaa barsiisota afaan oromoo mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Saxoo Samaroo kutaa 10ffaa barnoota Afaan Oromoo barsiisan hojiirra oolmaan barnootaan boodaa barachuu hubachuufi madaallii barnootaarratti kennamufi madaalliin barsiisuu qofaa ta’uu, kanaaf madaalliin barsiisonni daree keessatti itti gargaaraman yaad deebiifi madaallii garaagaraa utuu hammatee filatamaadha. Danqaaleen madaallii walitti fufaa geggeessuufi yaad-deebii madaallii kennuu keessatti barsiisota quunnaman mana barnoota sadarkaa lammaffaa saxoo samaroo kutaa10ffaa baay’ina barattootaafi yeroon barnootichaaf kennarraan kan ka’e barsiisan barattoota dabarsuufi sadarkeessuu waan ta’eef hojiirra oolmaa madaallii walitti fufaan qofti hojiirra kan oolu ta’uu xiinxallamee jira. Kanaaf, Barsiisonni daree keessatti yoo bartoota isaanii qoran osoo kaayyoo walfakkataadhaaf madaaluu baatanii filatamaadha. en_US
dc.language.iso other en_US
dc.subject yaad-deebii en_US
dc.subject maddaallii walitti fufaa en_US
dc.subject xiinxala madaallii en_US
dc.subject gosoota madaallii maalummaa yaad-deebii en_US
dc.title Xiinxala Hojiirra Oolmaa Madaallii Walitti Fufaafi Yaad-Deebii Barsiisota Afaan Oromoo: Mana Barumsaa Saxoo Samaroo Sadarkaa 2ffaa Kutaa 10ffaa Bara 2016 en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account