Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa, haala raawwii shaakala dandeettii dubbisuu barsiisuu
barsiisotaa:haala barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa fi 10ffaa xiinxaluudha. Ka‟umsi
qorannoo kanaa, barattoonni hedduun rakkoo dubbisa dubbisuu akka qaban barattootnifi
barsiisonni dubbataa turuudha. Maddi ragaa qorannoo kanaa, barattootaafi barsiisota kutaa
9ffaa fi 10ffaa mana barumsaa Cooraati. Meeshaan funaansa ragaa, daawwannaa daree,
bargaaffiifi afgaaffiidha. Qorannichi qorannoo makaa yoo ta‟u ragaan meeshaalee funaansa
ragaa armaan olitti ibsamaniin sassaabaman saxaxa ibsaan xiinxalaman. Argannoo
Qorannichaa immoo: Gaaffileen shaakala dubbisa duraa, beekumsa duraa barattootaa giddu
galeessa godhachuun barsiifamuu, hiikni jechaa dubbisaan dura dhufu, kutaa 10ffaa keessatti
haala qajeelcha barsiisaa irraa ajajuun yemmuu raawwatu, kutaa 9ffaa keessatti garuu
xiyyeeffannoo barbaachisu hinargatin hafeera. Gama biraan, jeequmsi, fedhiin barattootaa
laafuufi to‟annoon barsiisaa laafuun danqaalee yeroo raawwii shaakala dubbisa duraa
keessatti adda bahaniidha. Yeroo raawwii Shaakala yeroo dubbisuu keessatti immoo,
tarsiimoon ariitiin ykn saffisaan dubbisuu kutaalee 9ffaafi 10ffaa keessatti yoo hojiirra oolu,
tarsiimooleen biroo hafuun danqaalee tarsiimoo dubbisuun walqabatanii adda bahaniidha.
Akkasumas, dubbisni barsiifame gosa dubbisa sagalootiin, yoo ta‟u dubbisni callisaa yemmuu
gilgalli dubbisa boodaa dalagamu kan hojiirra ooleedha. Kanaan walqabatee, hanqinni
kitaabaa, fedhiifi kaka‟umsa dhabuu barattootaa, fi mala baruu barsiisuu duudhawaa
fayyadamuun barsiisotaa danqaalee mul‟ataniidha. Gama biraan, gahumsi dubbisa dubbisuu
barattoota kutaa 9ffaafi 10ffaa laafaa yoo ta‟u, sagalee ciccitaan dubbisuun, dubbisa
dubbisuuf fedhii dhabuun, kitaabileen dubbisaa dabalataa dhibuun, hordoffiin maatii
xiqqaachuufi kaka‟umsa itti horuu dhabuun barsiisotaa ka‟umsa ta‟uusaanii qorannoon kun
ifoomseera. Shaakala dubbisa boodaa keessatti immoo, dubisni callisaa, tarsiimoon gadi
fageenyan dubbisuu fi dandeettileen biroo qindoominaan kan baratamaniidha. Danqaalee
mul‟ataniif yaadni furmaataas; meeshaalee deeggarsa barnootaa fayyadamuun, hiika jechaa
tilmaamamuuf xiyyeeffannoo laachuun barbaachisaadha. Dubbisni daree keessatti dubbifamu
bifa
callisaanis dubbifamuun, tarsiimooleen dubbisuu garagaraas hojiirra ooluun
barbaachisaadha. Gahumsi dubbisuu barattootaa akka dabaluuf, fedhii itti horuun,
meeshaalee dubbisaa gahaa ta‟e dhiyeessuun, hordofii barbaachisu taasisuufi to‟annoo
cimaa taasisuun barbaachisaadha. Xumura irratti, gilgaala hojjatamu gosa tarsiimolee
dubbisuu adda addaa fayyadamuun barsiisuun barbaachisaadha. Akka waliigalaatti,
qorannoon kun gahumsi dubbisa dubbisuu barattotaa laafaa ta‟uu ifoomseera. Haata‟u
malee, sababni dhiibbaa keessa ykn alaa ta‟uu adda baasuu hindandeenye kanaafuu namni
biraa qaawwa eerame kana furuu qaba