Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Haala Raawwii Shaakala Dandeettii Dubbisuu Barsiisuu Barsiisotaa:Haala Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 9ffaa Fi 10ffaa Mana Barumsaa Cooraa Sadarkaa2ffaa

Show simple item record

dc.contributor.author Shaafii Taaffasaa
dc.contributor.author Tashoomaa Balaayinaa
dc.contributor.author Alamaayyoo Faqqadaa
dc.date.accessioned 2026-03-10T08:48:01Z
dc.date.available 2026-03-10T08:48:01Z
dc.date.issued 2023-07-06
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/10224
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa, haala raawwii shaakala dandeettii dubbisuu barsiisuu barsiisotaa:haala barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa fi 10ffaa xiinxaluudha. Ka‟umsi qorannoo kanaa, barattoonni hedduun rakkoo dubbisa dubbisuu akka qaban barattootnifi barsiisonni dubbataa turuudha. Maddi ragaa qorannoo kanaa, barattootaafi barsiisota kutaa 9ffaa fi 10ffaa mana barumsaa Cooraati. Meeshaan funaansa ragaa, daawwannaa daree, bargaaffiifi afgaaffiidha. Qorannichi qorannoo makaa yoo ta‟u ragaan meeshaalee funaansa ragaa armaan olitti ibsamaniin sassaabaman saxaxa ibsaan xiinxalaman. Argannoo Qorannichaa immoo: Gaaffileen shaakala dubbisa duraa, beekumsa duraa barattootaa giddu galeessa godhachuun barsiifamuu, hiikni jechaa dubbisaan dura dhufu, kutaa 10ffaa keessatti haala qajeelcha barsiisaa irraa ajajuun yemmuu raawwatu, kutaa 9ffaa keessatti garuu xiyyeeffannoo barbaachisu hinargatin hafeera. Gama biraan, jeequmsi, fedhiin barattootaa laafuufi to‟annoon barsiisaa laafuun danqaalee yeroo raawwii shaakala dubbisa duraa keessatti adda bahaniidha. Yeroo raawwii Shaakala yeroo dubbisuu keessatti immoo, tarsiimoon ariitiin ykn saffisaan dubbisuu kutaalee 9ffaafi 10ffaa keessatti yoo hojiirra oolu, tarsiimooleen biroo hafuun danqaalee tarsiimoo dubbisuun walqabatanii adda bahaniidha. Akkasumas, dubbisni barsiifame gosa dubbisa sagalootiin, yoo ta‟u dubbisni callisaa yemmuu gilgalli dubbisa boodaa dalagamu kan hojiirra ooleedha. Kanaan walqabatee, hanqinni kitaabaa, fedhiifi kaka‟umsa dhabuu barattootaa, fi mala baruu barsiisuu duudhawaa fayyadamuun barsiisotaa danqaalee mul‟ataniidha. Gama biraan, gahumsi dubbisa dubbisuu barattoota kutaa 9ffaafi 10ffaa laafaa yoo ta‟u, sagalee ciccitaan dubbisuun, dubbisa dubbisuuf fedhii dhabuun, kitaabileen dubbisaa dabalataa dhibuun, hordoffiin maatii xiqqaachuufi kaka‟umsa itti horuu dhabuun barsiisotaa ka‟umsa ta‟uusaanii qorannoon kun ifoomseera. Shaakala dubbisa boodaa keessatti immoo, dubisni callisaa, tarsiimoon gadi fageenyan dubbisuu fi dandeettileen biroo qindoominaan kan baratamaniidha. Danqaalee mul‟ataniif yaadni furmaataas; meeshaalee deeggarsa barnootaa fayyadamuun, hiika jechaa tilmaamamuuf xiyyeeffannoo laachuun barbaachisaadha. Dubbisni daree keessatti dubbifamu bifa callisaanis dubbifamuun, tarsiimooleen dubbisuu garagaraas hojiirra ooluun barbaachisaadha. Gahumsi dubbisuu barattootaa akka dabaluuf, fedhii itti horuun, meeshaalee dubbisaa gahaa ta‟e dhiyeessuun, hordofii barbaachisu taasisuufi to‟annoo cimaa taasisuun barbaachisaadha. Xumura irratti, gilgaala hojjatamu gosa tarsiimolee dubbisuu adda addaa fayyadamuun barsiisuun barbaachisaadha. Akka waliigalaatti, qorannoon kun gahumsi dubbisa dubbisuu barattotaa laafaa ta‟uu ifoomseera. Haata‟u malee, sababni dhiibbaa keessa ykn alaa ta‟uu adda baasuu hindandeenye kanaafuu namni biraa qaawwa eerame kana furuu qaba en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Xiinxala Haala Raawwii Shaakala Dandeettii Dubbisuu Barsiisuu Barsiisotaa:Haala Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 9ffaa Fi 10ffaa Mana Barumsaa Cooraa Sadarkaa2ffaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account