Jimma University Open access Institutional Repository

Qorannoo Digirii Lammaffaa (Ma)Afaan Oromoo Fi Ogbarruu Barsiisuun Guuttachuuf Qophaa’ee Yuunivarsiitii Jimmaa Kolleejjii Saayinsii Hawaasaa Fi Huumaanitiitti Muummee Barnoota Afaan Oromoo Fi Ogbarruutiif Dhiyaate

Show simple item record

dc.contributor.author Koree Qormaataa
dc.date.accessioned 2021-01-06T08:14:49Z
dc.date.available 2021-01-06T08:14:49Z
dc.date.issued 2017-02
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/4749
dc.description.abstract Kaayyoon waliigala qorannoo kanaa Qaaccessa ergaa durdurii mala maltee hawaasa godina Iluu Abbaa Boor keessatti dubbataman xiinxaluudha.Kanaaf yaadxina afoolaa jiran keessaa faayidaalessummaa buureffateera.Dayeessi kun durduriin hawaasa keessatti faayidaa inni qabu xiinxaluuf kan gargaarudha. Ka’umsi qorannoo kanaa qorannoowan durdurii irratti hojjetaman kan jiraatan yoo ta’e iyyuu qorannoowwan durdurii mala maltee irratti xiyyeeffatan akka godina Iluu Abbaa Booritti keessumaa akka aanaalee Algee Saachii, Daarimuu fi Biloo Nophaatti kan hinhojjetamne ta’uu isaati. Kanuma faana kaayyoon qorannichaas ergaa durdurii mala maltee godina Iluu Abbaa Boor qaaccessuudha.Durduriiwwan mala maltee sassaabaman yookiin odeeffannoowan sassaabaman madda ragaa jalqabaa irraa yammuu ta’u durduriiwwan sassaabaman kunis kudha jaha (16) yeroo ta’an maanguddoota abbootiifi haadholii akkasumas dargaggoota durdurii mala maltee himuu irra darbanii dhimmuma durdurii ilaalchisee beekumsaafi muuxannoo gahaa qabu jedhaman mala iddatteessuu miti carraatiin ta’ee gosoota mala miti carraa keessaa mala akkayyootii filataman irraati. Durduriiwwan mala maltee sassaabaman kunis mala funaansa ragaalee af-gaaffii fi maree garee xiyyeeffannootiinidha. Ragooleen kunis yeroo af-gaaffii fi maree garee xiyyeeffannoo teeppiidhaan erga waraabamanii booda irra deebiin dhaggeeffatamnii gara barreeffamaatti jijjiiramaniiru. Durduriiwwan mala maltee sassaabamanis akkataa kaayyoo qorannichaatiin mala qaaccssa ragaa qulqlleeffataatii /qualitative data analysis/ tti fayyadamuun erga qaacceffamanii booda hiikni itti laatameera. Argannoo irra gahameenis durduriin mala maltee jiruufi jireenya saba Oromoo keessatti faayidaa ol’aanaa akka qabuu fi keessumaa rakkoo ofis ta’e maatii ofiifi lammii ofii quunnamu irraa baraaramuuf toofataan bakka guddaa akka qabu agarsiifameera. Akka xiinxala odeeffannoo sassaabame agarsiisutti durduriin kana himamu galgala ta’ee innis abbootii fi haadolii akasumas ijoollee umuriidhaan cimanii fi durasanii maatii isaanii irraa dhaghanii qalbeeffataniin daa’immanitti himama. Kana malees argannoon qorannoo kanaatti durdurii mala malteen daa’imman dandeettii waan dhagahan sammuutti qabachuu fi osoo itti hindabalin yookiin irraa hinhir’isin nama biraatti himuu jaraa gabbisuu keessatti gahee ol’aanaa qaba. Dhuma irratti durduriiwwan mala maltee aadaa fi dudhaa saba Oromoo calaqqisiisuufi guddina afaan Oromootiif shoora ol’aana qabu kununsuu fi sassabuun barreeffamaan dhaloota boriitti dabarsuu yookiin akka hindagatamne taasisuuf yaboon laatamee jira. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Qorannoo Digirii Lammaffaa (Ma)Afaan Oromoo Fi Ogbarruu Barsiisuun Guuttachuuf Qophaa’ee Yuunivarsiitii Jimmaa Kolleejjii Saayinsii Hawaasaa Fi Huumaanitiitti Muummee Barnoota Afaan Oromoo Fi Ogbarruutiif Dhiyaate en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account