Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Qulqullina Qormaata Xumuraa Afaan Oromoo Kutaa 9ffaa Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Aanaa Gommaa

Show simple item record

dc.contributor.author Gammachuu Hinsarmuutiin
dc.date.accessioned 2021-01-06T08:18:54Z
dc.date.available 2021-01-06T08:18:54Z
dc.date.issued 2019-03
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/4750
dc.description.abstract Kaaayyoon gooroo qorannoo kanaa qulqullina qormaata xumuraa Seemisteera 1ffaafi 2ffaa bara 2010 fi seemisteera 1ffaa 2011 Afaan Oromoo kutaa 9ffaa akka manneen barnootaa aanaa Gommaa sadarkaa 2ffaatti hojii irra oolan xiinxaluudha. Kaayyoon gooree qorannookanaa immoo kanwalsimachuufi dhiisuu isaa adda baasedha. Akkasumas, qormaanni xumuraa Afaan Oromoo kutaa 9ffaa aanaa Gommaa sadarakaa 2ffaa dadeettiiwwan afaanii hundaaf xiyyeeffannoo kennuufi dhiisuu isaa adda baaseera.Gaaffiileen qormaata xumuraa Afaan Oromoo iraatti qophaa’uun hojii irra oolan shakaloota dandeettiiwwan afaanii kitaba barattootaarraa waliin wasimuu dhabuu adda baaseera. Dandeettii madaalamuuf barbaadame madaaluu dhaabuufi gulaalamuu dhabuu isaa, rakkoolee qulqullina qormaata xumuraa Afaan Oromoo kutaa 9ffaa manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa aanaa Gommaa irratti argaman tarreessuudha. Akaakuun qorannoo kanaa akaakuu qorannoo hammamtaafi akkamtaati.Qorannoon kun mala qorannoo makaatti dhimma bahaamee hojjetame. Ragaaleen kan walitti qabaman sakatta’a dookmantiifi afgaaffiidhaan. Jamaan qorannoo kanaa qormaata xumuraa Afaan Oromoo kutaa 9ffaaaanaa Gommaa keessatti argamanidha.Iddattoon qorannichaa qormaata xumuraa Afaan Oromoo kutaa 9ffaa manneen barnootaa: Bashaashaa, Gembeefi Kattaa mudukaa aanaa Gommaa keessatti argaman seemisteera 1ffaafi 2ffaabara 2010fi seemisteera 1ffaa bara 2011 irratti kan daangeffamedha. Argannoon qorannoo kanaa: gaaffiileen qormaata xumuraa shaakaloota qabiyyee kitaaba barattootaan kanwalhinsimne ta’uu. Sababiin isaas, qabxiin walsimannaa dandeettiwwan kitaaba barattootaafi qormaata xumuraa irratti hojii irra oolan shallagamanii qabxii 0.03 waan fidaniifidha. Kun immoo qabxii ga’aa eegamu waan hin taaneef, walsimannaa hin qabu. Gama biraan immoo qormaanni xumraa kutaa 9ffaa dandeettiiwwaan seerlugaafi hiika jechootaaf xiyyeeffannoo kennee, dandeettiiwwan dubbisuufi barreessuun dagatamuuti mul’atu. Qajeelfma ifa ta’e dhabuu, akaakuuwwan qormaataa soba/dhugaa, firoomsuu, bakka duwwaawwaa guutuu, filannoofi barreessuu hammachuu dhiisuufi sirriitti gulaalamuu dhabuudha. Yaadi furmaataa qoratichi eere: barsiisonni Afaan Oromoo qormaata xumuraa qopheessanii hojiirra oolchuun dura ibsa gabatee qormaataa baafachuu qabu, itti gaaffatamtoonni muummee afaanii yeroo fudhachuun qormaata sirriitti gulaalanii, manni barumsaa meeshaalee ga’aa osoo dhiyeesse, leenjiin hojiirraa barsiisotaafi itti gaafatamtoota muummeef osoo kennamee gaariidha. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Qulqullina Qormaata Xumuraa Afaan Oromoo Kutaa 9ffaa Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Aanaa Gommaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account