Jimma University Open access Institutional Repository

Raaga sayyida duuroo oromoo aanaa arsii Nagellee

Show simple item record

dc.contributor.author Ayyaantuu Urgeessaatiin
dc.date.accessioned 2021-01-13T06:56:41Z
dc.date.available 2021-01-13T06:56:41Z
dc.date.issued 2016
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/4920
dc.description.abstract Qorannoon kun Raaga saayyida duuroo Godina Arsii Lixaa Aanaa Nagellee keessa jiru irratti xiyyeeffatedha. Qorannoo kanaaf ka'umsa kan ta'e sababa babal'achaa deemuu amantiiwwan garagaraa, dagatamuu seenaa Raaga saayyida duuroo kanaa fi raawwiilee achitti raawwataman dadhabaa dhufuu isaati. Raaga saayyiida duuroo kun qoratamee oli taa'uun dhaloota dhalootatti akka darbuuf qorachuun barbaachisaa waan ta'eef qoradhe.Milkaa'ina qorannoo kanaafis malleen gaaffii afaanii, marii garee karaa mala qulqulleefataatiin odeeffannoo funaannachuun qoradheera. Malleen kanaannis Raaga saayyida duuroon maal akka ta'e qoradheera. Qorannoo kana keessatti Raaga saayyida duuroo iddoo seen-qabeessa ta'e Godina Arsii Lixaa Aanaa Nagellee maal akka ta'e gadi fageenyaan qoradheera. Bakki Raaga saayyiida duuroo kun maalirraa ka'ee akka moggaafame, haala uumama isaa, raawwiilee dirree raaga saayyida duuroo irratti raawwataman, hirmaatoota waltajjii raaga saayyiida duuroo, hawaasni kabaja iddoo kanaaf qabu maal akka ta'e, iddoon kun hawaasaaf bu'aa buusee fi faayidaa inni kennee fi yeroo ammaa kana sadarkaa akkamirra akka jiru qoradheera.Raaga saayyiida duuroon iddoo seenaa ta'uu isaa bakka itti hawaasni walgahee waaqa isaa itti kadhatu, dhukkubsataan bakka dhiibee isaarraa fayyu, iddoo wal dhabdeen itti hiikatu fi kan kana fakkaatan kan raawwataman ta'uu isaati. Walumaa galatti bakka seenaa qabeessa Raaga saayyiida duuroo kana qoratamee dhalootaa dhalootatti akka darbuuf kan qorannoon barbaachisee jechuudha. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Raaga sayyida duuroo oromoo aanaa arsii Nagellee en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account