Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Dogongora Barreeffamoota Afaan Oromoo Barjaawwan Magaalaa Aggaaroo Keessatti Argaman: Akaakuu Dogoggoraafi Dhiibbaa Waaltina Afaan Oromoof Qaburratti Xiyyeeffachuun

Show simple item record

dc.contributor.author Jaallannee Jamaaliin
dc.date.accessioned 2021-01-18T08:50:55Z
dc.date.available 2021-01-18T08:50:55Z
dc.date.issued 2019
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/5001
dc.description.abstract Qorannoon kun xiinxala akaakuu dogongora barreeffamoota Afaan Oromoo barjaawwan beeksisoota Magaalaa Aggaaroorratti mul’atan keessaa kanneen waaltina Afaan Oromoorratti dhiibbaa fidanirratti xiyyeeffachuudhaan kan geggeeffameedha. Barreeffamoonni beeksisaa barjaaleerratti dogoggoraan barreeffamanii jiran namoota seerluga Afaan Oromoo hinbeekne biratti akka waan sirrii ta’aniitti fudhatamuun dogoggorichi akka babal’atu taasisaa jiru. Gama waaltina barreeffama Afaan Oromootiin yoo ilaalles gufuu guddaa ta’uunsaanii beekamaadha. Kanaafuu, qorattuun qorannoo kanaa muuxannoo qabdurraa ka’uun jalqaba rakkooleen gama qulqullinaafi fayyadama afaaniitiin mul’atan maal akka ta’an addaan baasuun maddi rakkoolee kanneenii maal akka ta’e addaan baasuuf qorannoo kana geggeessite. Bu’uuruma kanaan sadarkaa dogongora barreeffamoota barjaaleerratti mul’atan keessaa kanneen waaltina Afaan Oromoorratti dhiibbaa fidan xiinxaluuf qorattuun mala qorannoo qulqulleeffataatti dhimma baate. Odeeffannoon qorannoo kanaaf barbaachisu daawwannaafi af-gaaffiitti gargaaramuun walitti qabame. Odeeffannoon sassaabamanis haala walitti dhufeenya qabaniin qindaa’uun xiinxalaman. Bifuma kanaan, dogoggora caasaa barreeffamaa Afaan Oromoo (dogoggora filannoofi itti fayyadama jechootaa, dogoggora qubee (qubee guddaafi qubee xiqqaa iddoo malee fayyadamuu, dubbifamaa seeraan ala jabeessuufi laaffisuu, dubbachiistuu seeraan ala dheeressuufi gabaabsuu, dogoggora irrabutaa, dogoggora hudhaa, dogoggora qubee Afaan Oromoo addaan baasuu dhabuu) akkasumas dogoggorri seerlugaafi jijjiirraa afaan maddaafi afaan jijjiirraa bal’inaan akka mul’atu bu’aan qorannichaa agarsiiseera. Maddi dogoggora kanneeniis Afaan Oromoorratti beekumsa ga’aa dhabuufi dhiibbaa beekumsa caasaa afaan biroof (Afaan Amaaraafi Afaan Ingilizii) xiyyeeffannaa kennuufii dhabuudha. Rakkoolee kana furuuf, ga’umsa Afaan Oromoo barreessitoota beeksisa barjaaleerraa cimsuu, waajjiroota dhimmi kun ilaallatuuf muuxannoo hawaasa barjaalee kana dhaabbatan sanaa gama Afaan Oromoon cimsuu, Ogeeyyiin Afaan Oromoon leenji'an gita hojii kanarratti heyyama baafatanii hojjetan jiraachuu qabu. Miidiyaaleen garagaraa dhimma kanarratti xiyyeeffannoo kennuun hojjechuu qabu. Biiroon Aadaa fi Tuuriizimii naannoo Oromiyaa rakkoo kana salphisee ilaaluu osoo hin ta’iin xiyyeeffaannoo guddaa itti kennee hordofaniifi deeggarsa barbaachisu gochuu qaba. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Dogongora Barreeffamoota Afaan Oromoo Barjaawwan Magaalaa Aggaaroo Keessatti Argaman: Akaakuu Dogoggoraafi Dhiibbaa Waaltina Afaan Oromoof Qaburratti Xiyyeeffachuun en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account