Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Dandeettii fi Ilaalcha Dubbisuurratti Garaagarummaa Saalaa Barattoota Afaan Oromoo Baratanii Sadarkaa Lammaffaa Magaalaa Jimmaa

Show simple item record

dc.contributor.author Yaa’iqoob Tamasgeeniin
dc.date.accessioned 2021-01-22T07:03:09Z
dc.date.available 2021-01-22T07:03:09Z
dc.date.issued 2019
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/5196
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa garaagarummaa saalaa dandeettii fi ilaalcha dubbisuu barattoota sadarkaa lammaffaa Magaala Jimmaa xiinxaluun ibsuudha. Haaluma kanaan, dandeettii fi ilaalcha dubbisuu barattootaa fi garaagarummaa kanaaf waantoota sababa ta’an, akkasumas, itti fayyadama tarsiimoo dubbissuu barattootaa jiruu fi deddeebi’anii dubbisuun barattootaa ibsamee jira.Akkasums,dandeettii fi ilaalcha dubbisuu,hariiroon saalli dandeettii dubbisuu,ilaalcha dubbisu fi tarsiimoo dubbisuu barattoota waliin qaban xiyyeeffannan itti kenname yaadxina iskiimaatiin xiinxalameera.Mala qorannoo makaa fayyadamuun wanntota bal’aa fi walxaxoo ta’an saxaxa addeessaa gargaaramuun ibsee jira.Mala iddattoo carraatti fayyadamuun barattoota gosa barnootaa afaan Oromoo akka gosa barnootaa tokkootti baratan mana barumsaa sadarkaa lammaffaa magaala Jimmaa waliigalaa(4506)keessaa dhibba sadii fi digdama (320) %7 (dhiira 160 fi dubara 160 kan hirmaachisedha. Meeshaalee funaansa ragaa qorumsa dandeettii dubbisuu, bargaaffii cufaa,sakatta’a galmee ergisa kitaaba mana dubbisaa eenyu akka dubbisuu adda baasuu fi afgaaffiin itti gaafatamtoota mana dubbisaa waliin deddeebi’anii dubbisuu barattootaa irratti godhame mala qaacceessa qorannoo safarataa lakkoofsaa fi qulqulleeffata jechaan qaacceffameera.Argannoon qorannichaas kan agarsiisu, dandeettii fi ilalcha dubbisuutiin garaagarummaan saalaa barattoota dhiiraa fi dubaraa sadarkaa lammffaa magaala Jimmaa gidduu akka jiruu fi garaagarummaan kunis dubarri dandeettii dubbisuu dhiira caalaa akka qaban, ilaalcha qajeelaa dubbisuuf akka qabanii fi deddeebi’anii kan dubbisaan akka ta’edha.Hariiroon baay’ee cima ta’e saala,dandeettii fi ilaalcha duubisuu waliin akka jirus argameera.Kun immoo qorannoowwan kanaan dura biyya alaatti kanneen sadarkaa tokkoffaa fi afaan Ingiliziitiin gaggeeffamee bu’aan isaanii loogii Imaammataa barnootaa isaanii ta’e irraa adda kan godhu sadarkaa lammaffaa fi afaan Oromoo irratti xiyyeeffachuu fi argannoon isaa sababa ilaalcha dubbisuu fi tarsiimoo dubbisuu sirnaan hojiirra oolchuu dhabuu ta’uun isaa adda godha.Qorannoon kunis haaluma qabatamaa manneen barnootaatiin ilaalamee garaagarummaa dandeettii fi ilaalcha barattoota dhiiraa fi dubara gidduu jiru dhiphisuuf hojiirra yoo oole qulqullina barumsa afaan Oromootiif gumaacha guddaa qaba. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Dandeettii fi Ilaalcha Dubbisuurratti Garaagarummaa Saalaa Barattoota Afaan Oromoo Baratanii Sadarkaa Lammaffaa Magaalaa Jimmaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account