Jimma University Open access Institutional Repository

Qaaccessa ergaa weedduu fuudhaafi heerumaa godina iluu abbaa boor

Show simple item record

dc.contributor.author Faaxumaa Hasaniitiin
dc.date.accessioned 2021-01-22T07:06:51Z
dc.date.available 2021-01-22T07:06:51Z
dc.date.issued 2012
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/5197
dc.description.abstract Qorannoon kun ergaa weedduu fuudhaa heerumaa godina Iluu Abaa Boor irratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffame yoo ta’u,qorannoo kanaaf ka’umsa kan ta’e akka godina kanaatti mataduree kanaan qorannoon geggeeffame kan hin jirre ta’uu fi weedduun fuudhaa heerumaa kun sababoota garaagarraan dagatamaa deemuudha.Kaayyoon qorannoo kanaas ergaa af-walaloo weedduu fuudhaa heerumaa Godina Iluu Abbaa Boor xiinxaluudha.Mata duree kana xiinxaluufis yaadxinni faayidaalessummaatti dhimma ba’ameera.Saxaxi qorannoo kanaa saxaxa ibsaa yemmuu ta’u gosi qorannoo kanaa qorannoo akkamtaati. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf jecha jamaa qorannichaa keessaa maloota adda addaatti fayyadamuun iddattoon filatamee odeeffannoo af-gaaffii banaa fi marii garee xiyyeeffannoon sassaabameera. Qorannoo kanaaf tooftaan iddattoo filachuuf hojiirra oole mala iddatteessuu akkaayyoofi mala iddatteessuu darbaa dabarsaati. Odeeffannoowwan barbaachisoo ta’anis Jaarsolii biyyaa, dubartootafi dargaggoota weedduu fuudhaafi heerumaa irratti muuxxannoo qabaniifi hojjetoota waajjira aadaafi tuurizimii aanota filatamaniifi godinaa irraa sassaabamanis mala qorannoo ibsaatiin hiikni itti kennamuun qaacceffameera. Weedduu sirna fuudhaa heerumaa qaamolee raawwatan irratti hundaa’uun yoo ilaalaman qaamolee shaniin kan raawwatamu ta’uu qorannoo kan beekuun danda’ameera. Qaamoleen kunis; Misirroo Shamarree, Hiryoota Misirroo Shamarree, Maatii Misirroo Shamarree, Hiryoota Misirroo Dhiiraafi Maatii Misirroo Dhiiraati. Argannoowwan qorannoo kanaatiin jalbultii cidhaa torban lama hafee jedhamee waltajjiin sirba mana warra gurbaa fuudhuutti ni dhaabbata. Sirbichi garuu arrabsoo osoo hin ta'iin kan shamarraniifi dargaggooti dhiiraa walitti yaa'anii lookkatanidha.Gama biraatiin weedduu fuudhaa heerumaa missirroo shamarree fi hiriyoota isheen mana warra misirrittiitti jala bultii kaasee hamma guyyaa cidhaatti kan geggeeffamu ta’uu hubachuun danda’ameera. Qorannoo kanaan wanti hubatame yeroo ammaa kana sababoota adda addaatiin dagatamaa adeemuun weedduu fuudhaa fi heerumaa waan ta’eef, gara fuulduraatti weedduu fuudhaa heeruma godinichaa gadifageenyaan qoratamee osoo haala qabatamaa ta’een ol ka’amee dhaloota dhufutti akka darbu taasifamee gaarii ta’a en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Qaaccessa ergaa weedduu fuudhaafi heerumaa godina iluu abbaa boor en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account