Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala fakkoommii dubartootaa asoosamoota dhoksaa jireenyaafi miila hinshokoksinee

Show simple item record

dc.contributor.author Shuumatee Dinqaa
dc.date.accessioned 2021-01-22T07:40:24Z
dc.date.available 2021-01-22T07:40:24Z
dc.date.issued 2019
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/5212
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa dhimmoota dubartootaa asoosamoota Dhoksaa Jireenyaafi Miila Hinshokoksinee xiinxaluudha. Saxaxni qorannichaas saxaxa ibsaati. Malli iddatteessuu kitaabotni kunneen ittiin filatamanis mala iddatteessuu kaayyeffataadha. Meeshaan funaansa ragaa hojiirra oole sakatta’a dookumantii/xiinxala galmee yoo ta’u, ragaaleen meeshaa kanaan funaanamanimmoo gosa qorannoo akkamtaatti gargaaramuun qaacceffamaniiru. Dhimmootni dubartootaa gurguddoon qorannoo kanaan xiinxalamanis kanneen akka cunqursaa hawaasdinagdee, dhiibbaa saalaafi qabsoo walqixxummaa namfakkiiwwan dubartootaan raawwatamaniidha. Qorattuunis xiinxala adeemsifte kanaan argannoowwan bira ga’aman keessaa muraasni haala itti aanuun dhihaataniiru. Asoosamoota filataman keessatti sababa garaagarummaa koorniyaatiin miidhaan dubartootarra ga’uu akka danda’u bira ga’ameera; gama biraan immoo Marartuun yammuu barreeffama barreessuudhaan abbaa isheetti kennitu abbaan ishee gargaarsa barbaachisaa gochuufii diduudhaan hamilee ishee keessatti doomsuun isaa dhiibbaa gama koorniyaatiin dubartootarratti ta’u argisiisa; itti dabalees dubartootni dhimmoota akka siyaasaa, hawaasummaa, dinagdeefi qaroominaa keessatti hirmaannaa akka taasisan bira ga’ameera; kanumaan walqabsiisuudhaan dubartootni akka gama dinagdeen jiruufi jireenya hawaasummaa keessatti hirmaannaa taasisan addaan baafameera. Argannoowwan kanneeniin walqabsiisuudhaanis qorattuun yaada furmaataa kanneen ta’uu danda’an haala armaan gadiin dhiheessiteetti. Dubartoonni rakkoo isaanirra gahu akka furaniif hirmaannaan isaanii kallattii hundaan osoo jajjabeeffamee gaarii ta’a; akkasumas, iddoo adda addaatti jiraachuudhaaf jecha hirkatanii kan jiraataniifi qaama isaanii kireessuun of jiraachisan hayyoonni kallattii garaagaraan utuu irratti xiyyeeffatanii hojjetanii gaariidha; hojii ogbarruu keessatti barreessitootni dubartootaa shoora isaanii taphachuun gaariidha; barreessitootni gara fuulduraatti asoosama barreessuu barbaadan, dubartootni dhimmoota akka siyaasaa, dinagdee, hawaasummaafi qaroominaa keessatti qooda fudhachuu akka danda’an hubatanii loogii koorniyaa gochuu dhiisuudhaan dhugaa jiru giddugaleessa godhatanii barreessuun gaariidha; dubartootni barreessitoota asoosamaa ta’uudhaan eenyummaafi cimina isaanii argisiisuurratti osoo xiyyeeffatanii dhiirotni olaantummaa isaanii calaqqisiisuun hafuu danda’a; kanaafuu dubartootni akkuma dhiirotaa barreeffamoota ogbarruu garaagaraa keessatti argisiisuudhaan cimina isaanii mirkaneessuun barbaachisaa ta’a kanneen jedhan warreen ijoodha. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala fakkoommii dubartootaa asoosamoota dhoksaa jireenyaafi miila hinshokoksinee en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account