Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Walsimannaa Qabiyyee fi Shaakala Dandeettiiwwaan Afaanii Siilabasii, Kitaaba Barattootaa fi Qajeelcha barsiisootaa Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 9ffaa Bara 2005

Show simple item record

dc.contributor.author Abdii Nagaasaa
dc.date.accessioned 2021-01-22T07:56:22Z
dc.date.available 2021-01-22T07:56:22Z
dc.date.issued 2019
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/5218
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa xinxala walsimannaa qabiyyee silabasii, Kitaaba barattootaa, Qajeelcha barsiisootaa fi shaakala dandeettiiwwaan Afaanii meeshaalee barnoota Afaan Oromoo Kutaa 9ffaa xiinxaluudha. Qoratichi saxaxa qorannoo akkamtatti dhimma ba’e. Malli kunis kan hojirra ooleef ragaalee argaman jechaan ibsuuf filatamaa ta’uu waan itti amanameef. Mala iddattoo carraa alaa qorannoo kana keessatti hojirra ooleera.Mala carraa alaa keessaa immoo malli kaayyoo hojirra ooleera. Meeshaalee funaansa ragaa keessaa sakatta’a dookumentii gargaaramuun qorannoon gaggeeffameera.Odeeffannoon guuramanis haala walitti dhufeenya qabaniin qindaa’uun xiinxalaman.Bifuma Kanaan, walsimachuu dhabuu meeshaalee barnootaa fi qabiyyee shaakala dandeettii afaanii qajeeelfama dhiyaate waliin bifa qindaa’een dhiyaachuu dhabuun addaan ba’eera.Akkasumas, qabiyyeen dandeettii afaanii barsiifamu tokko tarsiimoo dandeettiin afaanii ittiin dhiyaatun dhiyaachuu dadhabuu, qajeelfamni shaakala dandeettii afaaniif dhiyaate tarsiimoo dandeettiin afaanii tokko hordofee ittiin dhiyaatun dhiyaachuu dadhabuun wantoota qorannoo kanaan adda ba’anidha.Kana malees Dandeettiiwwaan afaaanii hundii walqixa dhiyaachuu dhabuun addaan ba’eera.Maddi rakkoo kanneeniis,qabiyyeen meeshaalee barnootaa sadan walbira qabanii qopheessuu dadhabuu, Xiyyeeffannoon qabiyyee shaakala dandeettii afaanii fi qajeelfama shaakala walsimsiisanii qopheessuu laafaa akka ta’ee sakatta’amee jira. Rakkoolee kanaa fi furmaatni ogeeyyiin afaanii keessumattuu kanneen meeshaalee barnoota Afaan Oromoo qopheessan qabiyyee meeshaalee barnoota sadanii walsimsiisuun qopheessu. Dabalataanis, qabiyyeen shaakala afaanii fi qajeelfamaa bifa qindaa’een qophaa’uun modeelaa dandeeettiiwwaan afaanii tokko ittiin barsiifamuun hojirra oolchuun barbaachisaadha en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Walsimannaa Qabiyyee fi Shaakala Dandeettiiwwaan Afaanii Siilabasii, Kitaaba Barattootaa fi Qajeelcha barsiisootaa Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 9ffaa Bara 2005 en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account