Jimma University Open access Institutional Repository

Itti Fayyadama Malleen Dubbii Kitaabota Walaloo Miila Kaayyoo fi Edas-Edanas

Show simple item record

dc.contributor.author Biraanuu Olqabaa Dhufeeraa
dc.contributor.author Taayyee Guddataa
dc.contributor.author Hiristee Akkawaaq
dc.date.accessioned 2021-01-22T12:11:01Z
dc.date.available 2021-01-22T12:11:01Z
dc.date.issued 2011-10
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/5249
dc.description.abstract Qorannoon kun malleen dubbii ogwalaoloo “Miila Kaayyoo”fi “Edas Edanas” keessatti argaman qaaccessuu irratti gaggeeffame. Qorannoo kana gaggeessuuf waanti qorataa kakaase qaaccessi ogwalaloo Oromoo irratti gaggeeffaman muraasa ta‟uu isaaniiti. Kun immoo gumaacha qorannoon gama ogwalaloon guddina ogbarruu irratti qabu hir‟iseera. Kanuma ka‟umsa godhachuun qorataan kun malleen dubbii ogwalaloo kanneen lamaan keessatti argaman qaaccessuun gumaacha guddina ogbarruu Oromoo keessatti qooda fudhachuuf kaka‟e. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa itti fayyadama malleen dubbii ogwalaooo Miila Kaayyoofi Edas Edanas keessatti dhimma itti bahaman qaacceessuudha. Barbaachisummaan qorannoo kanaa: namoonni ogwalaloo kana dubbisan akka dubbiiwwan qoolaa hubannoo isaanii hin gufachiifne ni taasisa; namoota qorannoo gosa kanaa geggeessuu barbaadaniifis ka‟umsa ta‟uu ni danda‟a. Ogbarruun qeeqa malee waan quucaruu danda‟uuf, xiinxalli qo‟ataan kun gaggeesse guddina ogbarruu Oromoo keessatti gumaacha mataa isaas niqabaata. Qorannoon kun ogwalaloowwan Oromoo keessaa ogwalaloo lama qofa irratti gaggeeffame. Sababa qorataan ogwalaloo kannneen filateefis ogwalaloon miila kaayyoo yeroo dhihoo waan maxxanfameef qorannoon akka irratti hin gaggeefamne qorataan hubaeera. Ogwalaloo Edas Edanas immoo kan filatameef itti fayyadamni jechootaa waloon itti gargaararame salphaatti hubachuun kan danda‟amu hinfakkaatu. Ogwalaoon kun filannoo jechootaan kan badhaadhe waan ta‟eef salphaatti hubachuun akka nama rakkisu qorataan yeroo dubbisu argeera. Kun immoo hubannoo dubbistootaa ni gufachiisa jedhee waan yaadeefi. Qorannoon kun gosa qorannoo qulqulleeffataa yommuu ta‟u, gosoota iddattoo qorannoo qulqulleeffataa keessaa immo iddattoo akkayyootti gargaarame. Akkasumsas qorannoon kun mala akkamtaatti gargaaramuun kan adeemsifameefi qorannoo kana keessattis qorataan maddi ragaan itti gargaarame madda raga tokkoffati. Innis ogwalaloo Miila Kaayyoofi Edas Edanas sakatta‟uun malleen dubbii qaaccessuun yommuu ta‟u, odeeffannoon argames sakatta‟a barruu gargaaramuunidha. Odeeffannoon sakatta‟a barruun walitti qabames saxaxa ibsaafi addeessuun qaaccefameera. Kunis yaadrimee Giloux(1974:10)fi kan biroo bu‟uura godhachuun gosoota malleen dubbii ogwalaloo filataman keessatti itti fayyadaman yaadxiina faayidaalessummaa bu‟uura godhachuun faayidaa maalii akka qaban xiinxalamanii jiru. Gosoonni malleen dubbii walaloo Miila Kaayyoo keessatti qorataan sakatta‟e lakkoofsaan sagali. Isaanis: akkasa ,iddeessuu, nameessuu, mitihee, atee, arbeessuu, mallattoo,tuqsee fi habalaka yommuu ta‟an, ogwalaloo Edas Edanas keessattis bifuma walfakkaatuun sagal sakatta‟amaniiru. Malleen dubbii kunis ogwalaoo kanneen keessatti faayidaa adda addaa addeessuufi dhimmoota adda addaa ibsuuf kan galanidha. Xumura irrattis kallattiin gara fuula duraa kaa‟amuun qorannichi xumurame. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.subject Ogbarruu en_US
dc.subject Ogwalaloo en_US
dc.subject Malleen Dubbii en_US
dc.subject Qaaccessa en_US
dc.subject Akkasaa en_US
dc.subject Nameessa en_US
dc.subject Habalaka en_US
dc.subject Iddeessa en_US
dc.subject Eeyemitii en_US
dc.subject Arbeessuu en_US
dc.subject Atee en_US
dc.subject Tuksee en_US
dc.subject Tuksee en_US
dc.title Itti Fayyadama Malleen Dubbii Kitaabota Walaloo Miila Kaayyoo fi Edas-Edanas en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account