Jimma University Open access Institutional Repository

Qaaccessa Dhihaannaa Himootaa Kitaaba Barnootaa Afaan Oromoo Kutaa 9ffaa-12ffaa Keessatti

Show simple item record

dc.contributor.author Mootummaa Tarrafaa
dc.contributor.author Tashoomaa Balaayinaa
dc.contributor.author Mahadi Huseen
dc.date.accessioned 2021-01-22T13:22:37Z
dc.date.available 2021-01-22T13:22:37Z
dc.date.issued 2012-10
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/5261
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa kitaabilee barnootaa Afaan Oromoo kutaa 9ffaa-12ffaa keessatti akkaataa dhiyeenya caasaa himootaa qaaccessuun, haala dhiyeenya caasaa himaa irratti hanqinoota mul’atan adda baasuu,walitti dhufeenya kitaabilee barnootaa daree afran giddduu gama caasaa himaatiin jiru sakatta’uufi hanqina jiraniif yaada hayyooti qophii caasaa irratti kennan irratti hundaa’uun yaada gabbisaa eeruu yemmuu ta’u, kaayyoo qorannoo kanaa galmaan gahuuf maddi ragaalee madda ragaa sadarkaa tokkoffaafi madda ragaa sadarkaa lammaffaati. Sakkatta'a kitaabileefi afgaaffiin barsiisotaaf dhiyaateen odeeffannoon funaanamaniiru. Qorannichis, gosa qorannoo waliin maadaaluutiin (comparative research) kan dhiyaate ta’ee, saxaxa ibsaan kan ibsameefi mala iddatteessuu mit-carraa keessaa iddatteessuu akkaayyoo (porpusive sampling) fayyadameera. Odeeffannoo funaannaman irratti hundaa'uun qaaccessa taasifameen kitaabileen barnootaa haala dhiheenya caasaa himaa irratti, qooddii caasaa himaa,fakkeenyota caasaa himaafi balballoommii qabiyeehimaa irratti garaagarummaa qabaachuun isaanii hubatameera. Kunis kitaabi Afaan Oromoo kutaa 11ffaa himoota caasaafi tajaajilaan, akkasumas qabiyyee bal’aan kan dhiheesse yommuu ta’u, kitaabileen Afaan Oromoo kutaa 9ffaa, kutaa 10ffaafi kutaa 12ffaa immoo, caasaafi tajaajilaan dhiheessuu baatanis, himoota kan dhiheessan ta’uu isaanii hubatameera. Kana malees, kitaaba barnootaa kutaa 11ffaakeessatti himni xaxamaan fakkeenya hima dachaa xaxamaa ta’ee dhiyaatee jira. Kanaaf addaa addummaa kana dhabamsiisuuf'qopheessitootni kitaabilee barnootaa waliin mari'achuu, hanqina gama dhihenya caasaatiin mul'atan yeroo yeroon sakatta'uun fooyyessuufi kitabileen yemmuu qophaa'an hayyoota afaanii gulaalchisuun barbaachisaa akka ta'e qorannoo kana keessatti ibsameera. Walumaagalatti, qorannoon kun gahee caasaan himaa afaan dhalootaa barachuu keessatti qabu ilaalchisee hubannoo ni uuma. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Qaaccessa Dhihaannaa Himootaa Kitaaba Barnootaa Afaan Oromoo Kutaa 9ffaa-12ffaa Keessatti en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account