Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Itti Fayyadama Afaanii Asoosama ‘Dibaa’ keessatti

Show simple item record

dc.contributor.author Dassaalee Tufaa
dc.date.accessioned 2021-01-25T08:54:31Z
dc.date.available 2021-01-25T08:54:31Z
dc.date.issued 2011
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/5321
dc.description.abstract Qorannoon kun mata duree xiinxala itti fayyadama afaanii Asoosama Dibaa keessatti jedhu irratti xiyyeeffata. Kaayyoon qorannoo kanaa inni gooroon itti fayyadama afaanii Asoosama „Dibaa‟ keessatti xiinxaluudha. Kaayyoo yaadame kana galmaan ga‟uufis mala qorannoo akkamtaatti gargaarameera. Mala qorannoo kana bu‟ura godhachuun ragaalee milkaayina hojichaaf gumaachan dokumantiiwwan adda addaa sakatta‟uun walitti qabadheera. Ragaalee haala kanaan funaannadhe kanneenis mala saxaxa ibsaa gargaaramuun qaaccesseen jira. v Xiinxala itti fayyadama afaanii asoosama „Dibaa‟ kana keessatti xiyyeeffannoon guddaan jechoota, jechamoota, mammaaksaafi dubbiilee qoolaaf kenname. Akkaataa kanaan garee jechootaa keessaa jechoota faallaa, hiika fakkii, galumsaafi jechoota safuu asoosamicha keessatti argaman xiinxalamanii jiru. Itti dabalees jechamootni garaa garaa hiika lakkuu qaban baay‟inaan kudha afurii ol taa‟an asoosamicha keessaa walitti qabamuun qaacceffamaniiru. Gama mammaaksaatiin immoo: maammaaksonni aantummaa, tokkummaa, tuffii, roorroofi oftuulummaa agarsiisan asoosamicha keessaa sakattaa‟amuun xiinxalamanii jiru. Akkasumas, dubbiileen qoolaa kanneen akka: akkasaa, arbeessuu, nameessa, fakkoommii, iddeessa, habalaka, fuggisoo, akkeessituufi hinjirree dubbisuu Asoosama Dibaa keessatti dhimma itti baa‟aman sirnaan xiinxalamanii jiru.Gama yaadotaafi filannoo jechootaa fayyadama afaanii asoosama xiinxalame kana keessatti akka ciminaatti qorannoo koon kan adda ba‟e jechoonni bakka barbaachisaatti galuun fayyadama afaanii isaa sirriiti kan hawasasni Oromoo jiruufi jireenya isaa keessatti itti ifayyadaman ta‟uu isaati. Akkasumas, haala yeroo wajjin walqabsiisuun jechoota filatamoo barreessaan asoosama kanaa itti gargaarame baay‟ee ciccimoofi sirriitti yaada barbaadame ibsu. Akka hanqinaatti qorannoo kanaan kan adda ba‟e asoosama kana keessatti jechoonni, maladubbii tokko tokko dandeettii gadifageenyaafi kallattii adda addaatiin yaaduu waan gaafataniif ergaa isaa hubachuuf dirqama dandeettii ogbarruu barbaachisa. Dabalataanis asoosamichi irra caalaa siyaasa irratti baay‟isee xiyyeeffachuu, akkasumas, jechoota caasaa hin eeggannetti gargaaramuu isaa adda ba‟ee jira. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Itti Fayyadama Afaanii Asoosama ‘Dibaa’ keessatti en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account