Jimma University Open access Institutional Repository

Dogoggora Dandeettii Afaan Oromootiin Barreessuu Irratti Barattoonni Akka Afaan Lammaffaatti Baratan Qaban: Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti Mana Barumsa Sadarkaa Lammaffaa Abbaa Bunaafi Saxoo Samaroo Irratti Xiyyeeffachuun

Show simple item record

dc.contributor.author Masarat Zawudeetiin
dc.date.accessioned 2021-02-05T08:38:51Z
dc.date.available 2021-02-05T08:38:51Z
dc.date.issued 2016
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/5384
dc.description.abstract Qorannoon kun mata- duree dogoggora dandeettii barreessuu Afaan Oromoo irratti barattooni akka afaan lammaffaatti baratan qaban, kan jedhu ta‟ee, xiyyeeffannaan Bulchiinsa magaalaa Jimmaatti mana barumsa sadarkaa lammafaa Abbaa Bunaafi Saxoo Samaroo irrattidha.Malli qorannoon kun itti gaggeeffames mala qulqulleeffataafi safarataa ta‟ee, meeshaan odeeffannoo ittiin guurame bargaaffii, afgaaffii, habuurraa, qormaataafi barruulee barattootaa sakatta‟uuni. Odeeffannoon afgaaffii fi bargaaffii irraa argame mala qulqulleeffataan kan qaacceffame yoo ta‟u, mala odeeffannoo bifa lakkoofsa qabuun argame immoo, mala safarataan kan qaacceffame ta‟ee,haala ifaafi hubatamuu danda‟utti qindaa‟ee kan dhiyaatedha. Walumaagalatti, amala qorannoo kanaan ragaa walitti qabamerraa argannoon argames dogoggora barreessuu keessatti itti fayyadama afaan tokkorraa gara afaan biraatti haala sirrii hintaaneen gargaaramuu, dogoggora dhiibbaa afaan dhalootaan uumamu, itti fayyadama jecha tokkoo hundaaf gargaaramuu, haala sirrii hintaaneen dimshaashessuu, yaadni akka hinciccinne walqabsiisota fayyadamuu dhiisuufi waan seerri afaanichaa hinheyyamnetti gargaaramuu kan ofkeessatti qabatu yammuu ta‟u, wayitiin gosa barumsa kanaaf ramadame gahaa ta‟uu dhabuu, haalli kennaa barumsa kanaa kutaa tokkoffaatii eegaluun barachuu dhabuu,shaakala dandeettii barreessuu gabbisuuf yeroon gahaa ta‟e dhibuufi gama mana barumsaafi barsiisotaan dandeettii barreessuu irratti xiyyeeffannaa gochuu dhabuun akka jiru ragaan mul‟ateera. Ragaa kana bu‟uureffachuun rakkoo mul‟ataniif furmaata ta‟uu danda‟a kanjedhame akka itti aanutti kaa‟ameera. Dogoggora barattoonni raawwatan gama barsiisotaatiin otoo xiyyeeffannoon itti kenname.Kana malees, Afaan Oromoo akkuama gosa barnoota biroo kutaa tokkoo eegalee osoo barsiifame kan jedhu yammuu ta‟u, wayitiin gosa barumsa kanaaf ramadames otoo dabale barattoonni shaakalaaf yeroo gahaa akka aragatan otoo ta‟ee. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Dogoggora Dandeettii Afaan Oromootiin Barreessuu Irratti Barattoonni Akka Afaan Lammaffaatti Baratan Qaban: Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti Mana Barumsa Sadarkaa Lammaffaa Abbaa Bunaafi Saxoo Samaroo Irratti Xiyyeeffachuun en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account