Jimma University Open access Institutional Repository

Qaacceessa Ergaa Faaruu Gooticha Badhaadha Dilgaasaa: Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam

Show simple item record

dc.contributor.author Iraasuu Tufaatiin
dc.contributor.author Alamaayyoo Faqqadaa
dc.contributor.author : Margaa Abbabaa
dc.date.accessioned 2021-03-18T09:23:17Z
dc.date.available 2021-03-18T09:23:17Z
dc.date.issued 2021-03
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/5780
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa faaruu gooticha Badhaadha Dilgaasaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam qaacceessuudha. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan gahuuf qorannoon kun saxaxa qorannoo dhimmaawaa (case study design) mala qulqulleefatatti dhimma bahe. Maddi ragaalee qorannoo kana keessatti hojirraa oolaan madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaadha. Maddi ragaa tokkooffaan maanguddoota, hawwaan, dargaggootaafi qabsaa’oota gooticha waajjiin qabsa’aa turan yemmuu ta’u, maddi ragaa lammaffaan immoo galmeewwan seenaafi faaruuwwaan osoo hinqaacceeffamin jiraniidha. Iddattoon qorannichaa namoota digdaamii jaha. Isaan kun tooftaa iddatteessuu kaayyeeffataa (purposive sampling) fi darbaa dabarsaatin (snow ball sampling)tin filatamaan. Meeshaaleen ragaan ittiin walitti qabamees afgaaffii, marii gareefi Sakatta’a galmeewwaniitiniidha. Ragaa haala kanaan argame bifa faaruun sun ittiin dhiyaateetti qoqoduun, akkaataa ergaa isaan dabarsaaniin qindeessuun mala qulqulleffataadhaan qaacceeffamee dhiyaateera. Ragaa qacceeffame irraa diinadgeen hawaasichaa warana mootummaa wayyaneetiin akka miidhame bira gahameera. Gama siyaasaatin immoo gooticha kanaaf kiyyoon xaxoo siyaasaa yeroo baayee kan dirirfameef ta’uudha. Yeroo baayees gootummaa isaatin injifatee keessa darbaa akka ture hubatameera. Dhumarratti garuu kiyyoo xaxoo siyaasaa tolchaadhan dirirfameen bakka Dheebisa jedhamuutti akka qabamee ofiin ofajjeese bira gahameera. Dabalatanis, faaruuwwaan gootichaa yeroo inni injifannoo argate ittiin jajuf akka kalaqamaan qorannoo kanaan bira gahameera. Kana malees, aadaa hawaasichaa kan akka gumaa baasuu, ibsuufi eegee tursiisu, seenaa hawaasichaa keessatti dhimmoota akka ququqqaa ittiin ibsachuufi goota ittiiin jajjabeessuu keessaatti faayidaa olaanaa akka qabu qorannoo kanaan bira gahameera. Dabalataanis, walaloo faaruu dhiyaate keessaatti gootichi goota cimaa, gootummaadhan dhaadachuun injifannoo galmeessuun hawaasa isaa hanga lubbuun jiruutti roorroo jalaa baasee aara kan galfachiise ta’uun argannoowwan qorannoo kanaati. Kanumarra ka’uun qorattuun Waajiirrii Aadaafi Tuurizimii, barssisoonni afaaniifi qorattoonni akkaata isaan ilaallatuun osoo irratti hojjetanii gaariidha jechuun yaada furmaataa yookan yaboo keessee jirti. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Qaacceessa Ergaa Faaruu Gooticha Badhaadha Dilgaasaa: Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account