Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Akkaataa Uumamsa Maqaaleefi Gochimootaa Kitaabilee Wabii Afaan Oromoo Filataman Keessatti Dhiyaatan

Show simple item record

dc.contributor.author Silashii Lammii Galaan
dc.contributor.author Tashoomaa Baalaynaa
dc.contributor.author Cimdii Waaqumaa
dc.date.accessioned 2022-03-08T08:26:24Z
dc.date.available 2022-03-08T08:26:24Z
dc.date.issued 2021-09-06
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/6618
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa Haala uumsaa Maqaaleefi Gochimootaa kitaabilee wabii Afaan Oromoo; Caasluga Afaan Oromoo, Newsytematikiifi Serluga Oromoo keessatti xiinxaluudha. Ka’umsi qorannichaa akkaataa uumamsa maqaaleefi gochimootaa kitaabilee wabii filataman sadan gidduu garagarummaan jiraachuu, akkaataa maxxanfannaa latiilee maqeessituu yookiin gochimeessituu irratti adda addummaan jiraachuufi Kitaaba Caasluga Afaan Oromoo keessatti gochimootni marti {-dha} ala latiilee {-s, -sisfi –siis} maxxanfatu jechuun ibse. Kitaabilee afan keessatti immoo gochimootni jal’ootni latiilee kana hinmaxxanfatan jechuun waan ibsaniif adda addummaa kana xiinxaluufi. Qorannoon kun saayinsii xiinjechaa Afaan Oromoo gabbisuufi kaneen qorannoo afaan irratti geggeessaniif ka’umsa ta’uu ni danda’a. Yaadxina xiinjechaa bu’uureffatee; adeemsa qorannoo akkamtaan kan geggeeffame yoo ta’u, ragaaleen funaanaman xiinxalamanii mala ibsaan dhiyaataniiru. Odeeffanno kennitootni murtaa’oo waan ta’aniif iddatteessuu ammargeetti dhimma bahame. Sakatta’insa kitaabilee wabii filataman irratti taasifameefi afgaaffii bilbilaan barreessitoota kitaabilee Sadanii waliin taasifameen argannoon kan mul’isu: Maqaaleefi gochimootni maxxanfachuufi osoo hinmaxxanfatiin uumamuu ni danda’uu; Afaan Oromoo keessatti hedduminaan kan hojiirra oolu tishoofi latii yaasaa maxxanfachuun kan uumaman ta’uu, akkaataa maxxanfannaa irratti hundee jechaafi latii sirriitti adda baasanii kaa’uu dhabuufi jechoota bu’uuraan alatti akkaataa jechoota uumamamtee irraa itti uumaman ibsuu dhabuu fa’i. Haaluma kanaan, argannoo qorannoo giddu galeessa godhachuun, barreessitootni kitaabilee wabii hundee jechaafi latii adda baasanii kaa’uu, jechoota bu’uuraan alatti akkaataa jechoota uumamtee irraa itti uumaman ibsuufi maqaalee yookiin gochima uumuuf murteessaan latii qofa osoo hintaane hundeen jechaa ga’ee guddaa akka qabu ibsuu en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Xiinxala Akkaataa Uumamsa Maqaaleefi Gochimootaa Kitaabilee Wabii Afaan Oromoo Filataman Keessatti Dhiyaatan en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account