Jimma University Open access Institutional Repository

Sakatta’a Dandeettii Barreessuu Afaan Oromoo Barattoota Koolleejjii Barsiisotaa Jimmaa Waggaa 3ffaa

Show simple item record

dc.contributor.author Indaalee Waaqjiraa
dc.contributor.author Cimdii Waaqumaa
dc.contributor.author Abdusalaam Abbaa Olii
dc.date.accessioned 2022-03-08T08:47:40Z
dc.date.available 2022-03-08T08:47:40Z
dc.date.issued 2021-09-06
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/6623
dc.description.abstract Qorannoon kun mataduree Sakatta’a Dandeettii Barreessuu Afaan Oromoo Barattoota Kollejjii Barsiisotaa Jimmaa kan jedhu yoo ta’u,innis barreef amni barattoonni barreessan maal akka fakkaatu,haali qubeessuu isaanii jecha irraa kaasee hanga keeyyata barreessutti jiru ciminaafi hanqinaalee akkamii akka qabu sakatta’uun adda baasuuf ta’ee,xiyyeef annoon barattoota muummee Afaan Oroomoon waggaa 3f aa baratani dha.Malli qorannoon kun ittiin qaaccef ames mala qorannoo qulqulleef ataa(akkamtaa)fi safarataa(ammamtaan). kana malees iddattoon qorannoo kanas kallattiin barattoota dhiira 28 dubara 42 ida’ma 70 keessaa mala carraa tasaa salphaan gargaaramuudhaan 50% kan ta’an barattoota dhiira 14 dubara21 ida’ama 35 kan ta’ani dha.Akka madda ragaa tokkof aatti kan fudhataman barsiisota Kollejjii barsiisotaa Jimmaa keessatti Afaan Oromoo barsiisan, dhira 5 dubara 1 waliigalatti barsiisota 6(ja’a) mala miti-carraa ammargeetiin filamanii odeef annoon irraa sassaabameera. Kaayyoo qorannichaa galmaan gahuuf meeshaalee funaansa ragaa kan akka bargaaf ii barattootaafi barsiisotaa, qormaataa(barattoota barruu barreessisuu), akkasumas dabatara barattootaa akka iddattootti filatamanii sakattuun akka madda ragaa lammaaf aatti fayyadamuun odeeef annoon walitti qabamee xiinxaleera. Ragaaleen funaanamanis,mala qaaccessa ragaalee lakkoofsaafi jechaan qaaccef amanii dhihaataniiru. Akka ragaan sassabame ibsutti barattooni muummee Afaan Oromoo kolleejjii barsiisotaa Jimmaa keessatti waggaa 3f aa baratan hedduun isaaniis Afaan Oromootiin barreessuu akka dogoggorani dha.Keessumaa Dogoggora Qub-guddeessa, Maqaa namootaa fi magaalotaa yommuu barreessan qubee xixiqqaan eegaluun dogoggora uumuu,Sirna tuqaalee;Maqaa namoota addaa addaa yommuu barreessan qooddutti fayya damuu dhiisuun,jechoota tishoo ta’an gidduu sarara xiqqaa fayyadamuu dhiisuu,Walqabatiinsa yaada keeyyataafi himootaa kana jechuun barreef ama keessatti yaadni akka hin ciccinne jechoota walqabsiisotatti fayyadamuu dhiisuu,Jecha jabaatee barreef amuu qabu jabeessanii barreessuu dhiisuu , jecha laafee barreef amuu qabu jabeessuun barreessuu ,sagalee dheerachuu qabu gabaabsuu, sagalee gabaabbachuu qabu dheeressuun dogoggorota barattoonni barruu isaanii keessatti uumani dha.Barsiisonni Kollejjii Barsiisotaa Jimmaa keessatti Afaan Oromoo barsiisan barreef ama barattootaa ilaaluun cimina isaan qaban jajjabbeessaa,kan isaan fooyyef achuu qabaniif duub-deebii kennaa hutuu barsiisanii garii dha. en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Sakatta’a Dandeettii Barreessuu Afaan Oromoo Barattoota Koolleejjii Barsiisotaa Jimmaa Waggaa 3ffaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account